Daballiin gatii Itiyoophiyaa keessatti yeroo 20 oliif walittifufiinsaan guddataa dhufeera – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 29, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaa keessatti daballiin gatigatiui walittifufiinsaan yeroo 20 oliif guddachaa dhufeera jedhan.Ministirri Muummee Abiy Ahimad waa’ee guddina dinagdee Itiyoophiyaa, qormaatilee yeroo fi kallattiiwwan gara fuula duraa ilaalchisee gaaffii fi deebii kutaa 2ffaa geggeeffame keessatti kana kan ibsan.Kanaanis barii jijjiiramaa biyyattii keessatti Daballii gatii barootaaf harkifamee dhufe wayita wayita tattaaffiin taasifamutti weerarri koroonaa akkasumas waraanni Raashaa fi Yuukireen uumamuun biyyoonni nu gargaaruu danda’an dhimma isaaniif xiyyeeffannaa akka kennan dirqisiisuu yaadachiisaniiru.Kunis dhaabbilee idil addunyaa dabalatee biyyoonni deggersa kennan adda addaa deggersaa fi tumsa isaanii addaan kutuun qaala’iinsa gatii akka dabaluuf ga’ee taphachuus ibsaniiru.Sababa kanaan hammi gargaarsaa gara Afrikaatti dhangala’aa ture sadarkaa olaanaan akka hir’atuu fi rakkoo ture keessaa deggeramuun ba’uuf qormaata akka ture eeraniiru.Dabalataanis walitti bu’iinsi biyyattii keessatti uumame humna keenya guutuu dinagdee irra akka hinoolchineef yeroo, maallaqaa fi humna isaa fudhachuun rakkoo dabalataa ta’aa dhufeera jedhan.Dhibeen Koroonaa addunyaa irratti erga uumamee booda Daballii gatii biyyoota hundaatti qormaata ta’aa dhufuu kaasanii, meeshaalee alaa galan dabalatee qaala’iinsa gatii gara biyya keessaa galaa akka ture ibsaniiru.Rakkoo kana boqonnaa boqonnaan furuuf yaalamuu ibsanii, boqonnaa jalqabaan hojiiwwan owwaaricha ofirraa urgufuu fi sona dabaluu hojjatamuu dubbataniiru.Boqonnaa lammaffaan ammoo bayyaannachuu akka qabnu waliigaluun adeemsi suutaa rakkoo keessa turre akka nu hinbaasne hubachuun, dhaabbilee ijaarree haa ariifannu murtii jedhu dabarsuun hojiiwwan adda addaa hojjatamuu yaadachiisanii jiru.Waggoottan torban darban keessa maallaqni mootummaan Itiyoophiyaa waggaa waggaan mindaadhaaf baasu giddu galeessaan %21’n akka dabale eeranii, baasiin kunis hojjetaa hunda akka wali hingeenye hubachiisanii jiru.Hojjetaa Mootummaa jijjiiramaan dura naannoo Miliyoona 1.7 akka ture yaadachiisanii, amma garuu miliyoona 2.5 caaluu ibsaniiru.kanaanis baayyinni hojjetaa mootummaa %44’n dabaluu fi kana keessaa baayinni barsiisotaa jijjiiramaanndura ture %6’n dabaluu, mindaa barsiisotaas %36’n guddachuu eeraniiru.Kunis cabiinsa barnootaa duraan ture suphuuf tarkaanfii fudhatame ta’uu fi olmaan daa’immanii kuma 35 caalan ijaaramuu dubbataniiru.Adimaasuu Arraagaatiin.