Ameerikaa Teeksaasitti balaa lolaan lubbuun namoota 24 darbe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC)- Ameerikaa Bulchiinsa Teeksaasitti guyyaa kaleessaa balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 24 darbeera.Pireezidaantiin Biyyaatii Doonaald Tiraampi balichi rifachiisaadha kan jedhan yoo ta’u, hojii lubbuu baraaruuf deeggarsi barbaachiisu kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.Lagni Guwaadluup guutun bishaan lubbuu namaafi qabeenya mancaasuutu himame.Balaan lolaa kun kan mudate bakka shamarran buufatanii jiranitti ta’uu kan himan qondaalonni, isaan keessaa 25 kan ta’an ammayyuu bakki jiran hin baramne.Hojii lubbuu baraaruuf helikoptaroonni 14, diroonin 12 fi gareen hojjattoota lubbuu baraaruu sagal, kanneen bishaan daakan, walumaa galatti namoonni 400-500 hojii lubbuu baraaruu irratti bobba’uu himan qondaaltonni Bulchiinsa Teeksaas..Hojjettoonni yeroo balaa namoota badan baraaruuf tattaaffii taasisaa jraachuu BBC gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.