Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC)- Dhaabbilee Diimookiraasii bilisaa fi walabaa ijaarsa biyyaa cimaaf gahee qaban caalmaatti guddisuuf Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa deeggarsa isaa cimsee itti fufa jedhan Afyaa’iin Mana Marichaa Taaggasaa Caafoon.Raawwii riifoormii dhaabbilee Diimookiraasii itti Waamamtoota Mana Maricharratti waltajjiin waloo gaggeeffamaa jira.Afyaa’ii Taaggasaan waltajjicharratti ergaa dabarsaniin, kabajamuu Mirga namoomaa fi Diimookiraasii lammiileef gaheen dhaabbilee Diimokiraasii Olaanaadha jedhan.Dhaabbileen kunneen ittigaafatamummaa isaanii akka bahataniif rakkooleen seeraa fi gurmaa’insarra jiran akka sirrataniif hojiileen riifoormii hojjetamuu kaasaniiru.Dhaabbileen Diimookiraasi ijaarsa biyyaaf gahee ijoo qaban caalmaattii guddisuuf manni marichaa rakkoolee raawwirratti mudachuu danda’an furuuf murannoon kan hojjetu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.