Waxabajjii 29, 2017(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen piroojektoonni guyyaa har’aa magaalichatti eebbisiifamuun tajaajilaaf banaman sochii daldalaa ni saffisiisu jedhan.Piroojektoonni daandii 13 fi riqichoonni 8 baasii Birrii biiliyoona 11 oliin ijaaraman eebbisiifamuun tajaajilaaf banamaniiru.Kantiibaa Adaanech Abeebeen eebba piroojektoota kanneeniirratti akka jedhanitti, piroojektoonni kunneen sosochii daldalaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qabaatu.Keessumaa riqichoonni daandiiwwan Qaallittii- Tulluu Diimtuu fi Qilinxoo- Qaallittii rakkoo muddama tiraafikaa hir’isuun daldala si’eessuu keessatti shoora olaanaa akka bahatan ibsaniiru.Bu’uuraaleen misoomaa daandiifi riqichaa kunneen naannawaa Tajaajila Kaargoo Buufata Xiyyaaraa Boolee, Gumuruuka Qaallittii fi Paarkiiwwan Indaastiriifi warshaaleetti kan ijaaraman ta’uu kaasan.Piroojektoonni kunneen oomishaalee garaagaraa yeroon qaqqabsiisuurra darbee Buufata Xiyyaaraa Boolee, Piroojektii Caakkaafi Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addis dabalatee bu’uuraalee misoomaa hedduu kan walitti hidhan ta’uu eeran.Fedhiin bu’uuraalee misoomaa daandii magaalichaa kanaa ol ta’uu kaasanii, yeroo itti aanutti xiyyeeffannoo kenname cimsuun waliingahiinsa daandii babal’isuuf kan hojjetamu ta’uu mirkaneessaniiru.Piroojektoonni kunneen liqaa alarraa argamuun ijaaramu jedhamanii kan eegalaman ta’us liqaan osoo hin argamiin waan hafeef dandeettii bulchiinsa magaalichaan kan ijaaramanidha jedhan.Qaamolee ijaasra piroojektiiwwan kanneenii keessatti qooda isaanii bahatan hunda galateeffataniiru.Hayilamaariyaam Taganyiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.