Buufanni Qindaa’aa Konkolaataa Magaalaa Walisoo  eebbisiifame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2017 (FMC)- Buufanni Qindaa’aa Konkolaataa Magaalaa Walisoo eebbisiifameera.Buufatichi baasii Birrii miiliyoona 600 oliin kan ijaarame ta’uu Biiroon Daandiwwanii fi Lookistiksii Oromiyaa ibseera.Sirna eebbaa kanarratti Sadarkaa Pireezidaantii Itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastera Baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa, Hoggantuu Biiroo Daandiwwaniifi Lookistiksii Injinar Heelan Taammiruu, Kantiibaa Magaalaa Walisoo obbo Gammachuu Aradaa fi hoggantooni Olaanoo Naannoo fi Magaalichaa biroon argamaniiru.Hoggantuun Biiroo Daandiiwwaniifi Loojistiksii Oromiyaa Injinar Heelan Taammiruun buufatichi lafa heektaara 2.5 irratti ijaaramuu kaasanii, hawaasa magaalichaan baga gammaddan jedhan.Uummata magaalichaafi qaamolee ijaarsa buufatichaa keessatti gahee bahatan galateeffataniiru.Sadarkaa Pireezidaantii Itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastera Baadiyyaa obbo Addisuu Araggaan gamasaaniin,  bara mootummaa badhaadhinaa piroojektoota ariitiifi qulqullinaan yeroo jedhame keessatti xumuraa jirra; iccitiin milkaa’ina keenya immoo deeggarsaafi hordoffii hoggansa olaanaati jedhan.Buufaticha keessatti tajaajilli hunda galeessaa kan kennuu ta’uu Hogganaa Itti aanaan Biirichaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Bu’uuraalee Geejjibaa fi Loojistiksii Injinar Jaagamaa Dagabaasaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.Tsahaay Gulummaatiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.