Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC) –Raayyaan Ittisaa Sodaa nageenyaa mudachuu malu ga’umsaan halaalatti qolachuu danda’u ijaarameera jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.Koollejjiin Ajaja Raayyaa Ittisaa qondaaltoota olaanoo sagantaa idileen leenjisaa ture marsaa 16ffaaf eebbisiiseera.Raayyyaa Ittisaa hundagaleessa ogummaan deeggarame kan Itiyoophiyaa madaalu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu milkaa’aa jira jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan sirna eebbichaarratti haasawa taasisaniin.Hojiin Raayyaa Ittisaa hundagaleessa ta’e ijaaruu bu’uura guddina dhaabbatummaa ta’ee itti fufu ibsan.Nageenyaa fi tasgabbii biyyaalessaa kabachiisuuf hojiin humna namaa ga’umsa qabu ijaaruu xiyyeeffannoon hojjetama jedhan.Raayyaan Ittisaa Sodaa nageenyaa mudachuu malu ga’umsaan halaalatti qolachuu danda’uu fi daran amansiisaa ta’e ijaaramuu eeran.Hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisaa, Dippiloomaatoonni, hoggantoonni mootummaa, Attaasheewwan waraanaa fi maatiin eebbifamtootaa saganticharratti argamaniiru.Yeshaambal Mihiratiitu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.