Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC) –Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Biraaziil Luuwiiz Inaachiyoo Luulaa Daa Siilvaa waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.Yaa’ii BRICS 17ffaa dura dhimmoota waloorratti mari’anneera jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.Mariin har’aa kun hariiroo biyyoota lamaanii guddachaa dhufe caalmaatti cimsuuf tarkaanfii tokko jedhan.Hoggantoonni lamaan dameewwan Daldalaa fi Invastimantii dabalatee walitti dhufeenya biyyoota lamaanii kallattii hundaan caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.