Finfinnee, Waxabajjii 29, 2017(FMC) – Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad gita isaanii Chaayinaa Dooktar Lii Kiyaangi waliin dhimmoota gamlamee irratti mari’atan.Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa maxxansaniin, Ministira Muummee Chaayinaa Dooktar Lii Kiyaangi waliin hariiroo Itiyoophiyaa fi Chaayinaa waggoota 55 lakkoofsise irratti mar’achuu ibsaniiru.Itiyoophiyaa fi Chaayinaan biyyoota michuu hariiroon isaanii haalaan hinjijjiiramne waggoota torban darabanitti hariiroon isaanii gara sadarkaa olaanaatti guddachuu kaasaniiru.Biyyoonni lamaaan dameewwan ijoo dinagdee industirii, albuudaa fi TQO of keessatti qabataniin tumsaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.Dabalataan dameewwan tumsa isanii cimsuu fi misooma hubannoo namtolchee, Loojistiksii fi maddoota annisaa qulqulluun tumsaan hojjechaa akka jiran dubbataniiruOromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna