Kilabiin Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Diimtuu Piriimeer Liigii Oromiyaatti ol guddate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 23, 2017 (FMC) –Liigii Olaanoo keessatti dorgomaa kan jiru Kilabiin Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Diimtuu Piriimeer Liigii Oromiyaa bara 2018tti guddateera.Diimtuun taphoota liigii olaanoo Oromiyaa torbee 13ffaa har’a gaggeeffameen Harbuu Culuullee galchii 1 fi 0 injifachuun taphni tokko osoo hafuu Piriimeer Liigii Oromiyaa bara 2018 ol guddachuu Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaatti Daayrektarri Kominikeeshinii obbo Rabbiyyuu Tamaam Faanaa Diijitaaliif himaniiru.Diimtuun taphoota 13 taasiseen 8 injifate 3 qixa bahuun 2 qofa injifatamee galchii qulqulluu 9 fi qabxii 27’n garaagarummaa qabxii 6n dursuun kilaba 2ffaa Piriimeer Liigii Oromiyaatti guddate ta’eera jedhan.Diimtuu fi Ramaddii 1ffaarraa sadarkaa 1ffaan kan Goolabe Bulchiinsi Magaalaa Sirxii tapha waancaa Caamsaa 28, 2017 waliin taphataniin kan injifate Shaampiyoonaa Kilaboota Naannolee Itiyoophiyaa magaalaa Jiinkatti taphatamurratti kan hirmaatu ta’a.Liigii olaanoon Oromiyaa Kilaboota 16 ramaddii lamaan qooduun waldorgomsiisaa kan jiru yoo ta’u, kilaboonni ramaddii isaanirraa 1ffaa fi 2ffaan xumuraan Piriimeer Liigii Oromiyaatti ol guddatu.Siifan Magarsaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia