Oromiyaatti Qonnaan Bultoonni, Waldaaleen IMX fi Hojii Gamtaa kumni 16 fi 600 ol invastimantiitti ce’an

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti waggoottan jahan darban qonnaan bultoonni adda dureen, Waldaaleen IMX fi Hojii Gamtaa kumni16 fi 640 ol murtoo boordii invastimantii argachuun gara Invastimantiitti ce’aniiru jedhe Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa.Mootummaan naannichaa labsii fi dambii invastimantii haaraa fooyyessee baasuun invastimantii fi indaastiriin naannicha keessatti daran akka guddatuufi fayyadamummaan Uummataa mirkaneessuuf hojiilee gurguddoo raawwatamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis Faanaa Diijitaaliif himaniiru.Abbootii qabeenyaa dhuunfaa simachuu cinaatti qaama hawaasaa bal’aa kan ta’e qonnaan bulaa, waldaalee IMX fi hojii gamtaa qabeenya horatanii kanaan dura carraa gara invastimantiitti ce’uu hin arganne akka inisheetiivii tokkootti qabachuun deeggarsi addaa taasifameefii sadarkaa Aanaalee, Godinaalee fi Magaalotaatti akka simataman taasifameera.Jijjiirramaa asitti deeggarsaafi hordoffii cimaa taasifameen bara 2012 hanga bara 2017’tti Qonnaan Bultoota, Waldaalee IMX fi Hojii Gamtaa kuma 16 fi 640 kaappitaalaa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 21 ol galmeessan hojiilee invastimantii garaagaraatti hirmaachaa jiru jedhan.Erga gara invastimantiitti ce’anis qonnaan bulaan oomisha isaa guddisuun qabeenya horachuu eegaleera jedhan.Walitti dhufeenya dhaabbilee faayinaansii waliin jiru cimsuufis hubannoo uumuu fi qonnaan bultoonni qusachuu qofa osoo hin taane liqeeffatanii oomishaa fi oomishtummaa isaanii akka guddisan taasifamaa jira jedhan.Qonnaan bulaan gara invastimantiitti ce’e hojii misooma qonnaa qofaan osoo hin taane damee invastimantii Indaastirii, Manufaakchariingii fi tajaajila biroo irratti heddumminaan bobba’uun hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti pirojektoota invastimantii Seektara qonnaa, Manufakcharingii fi tajaajilaan abbootiin qabeenyaa kuma 29 fi 500 ol kaappitaalaa Birrii biiliyoona 900 fi biiliyoona 46 ol galmeessisan, simatamaniiru.Tsahaay Gulummaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna