Biyya jijjiiramuuf tattaafachaa jirtuuf hanni gufuu guddaadha- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Biyya jijjiiramuuf tattaafachaa jirtuuf hanni gufuu guddaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi deebii isa xumuraafi kutaa 4ffaan dhimmoota malaammaltummaa fi hojmaata badaa illaachisee ibsa kennaniin, hanni Itiyoophiyaaf cabiinsa tokko ta’uu kaasaniiru.Hanni dhabamsiifamuu yoo baate mul’ata qabatame milkeessuuf gufuu ta’uu kaasanii, hanni maallaqaafi yeroo biyya jijjiiramuuf tattaafachaa jirtuuf gufuu guddaadha jedhan.Itiyoophiyaa keessatti hanni aadaa waloo ta’aa dhufuu kan ibsan Dooktar Abiy Ahimad, rakkoon hidda gadi fageeffate kun haasawaafi imaammata qofaan kan furamu akka hin taane kaasaniiru.Sadarkaa hoggansaatti hanna dhabamsiisuuf, hannaan osoo hin taane dhamaatiin Itiyoophiyaa yoo jijjiirre nuuf darba jennee hojii mul’ata qooddachuu hojjenneerra jedhan.Hanna kenniinsa tajaajilaa irratti mul’atu hambisuufis sirna diriirsuun hojjetamaa akka jiru eeraniiru.Kana malees hanna dhabamsiisuuf aadaa hanna balfu ijaaruun barbaachisaa ta’uufi hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.Ayyaanaa Dheeressaan.