Duulli dhaabbii Inisheetivii Misooma Muuzii eegale

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Duulli dhaabbii Inisheetivii Misooma Muuzii Magaalaa Baatuutti eegaleera.Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastera baadiyyaa obbo Addisuu Araggaan durfamu magaalaa Baatuutti duula dhaabbii Inisheetivii kilaastera Muuzii eegalchiise.Inisheetiiviin Qonna magaalaa oomisha alaa galan hambisuun carraa hojii dargaggootaaf uumaa jiraachuu obbo Addisuun kaasaniiru.Magaalaa Baatuutti Kilaastera Muuzii guyyaa har’aa lafa hektaara 100 irratti kan eegale yoo ta’u, kana keessaa hektaara 5 irratti magaalaa Baatuu Ganda Adaamii Tulluutti Maldaaleen miseensa 132 ta’aniin muuzii kilaasteraan misoomsuun kan eegale.Kantiibaan magaalaa Baatuu Amaddiin Ismaa’el haasawa taasisaniin magaalattii qabeenya uumamaa bishaaniin kan badhaate yoo taatu, yeroo ammaa qonnaan bulaan waldaan gurmaa’uun misooma Muduraa oomishaa jiraachuu jedhan.Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.