Shirri badii diinoonni seenaas ta’ee ergamtoonni Itiyoophiyaa fi ummata isheerratti hawwan hin milkaa’u- Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Shirri badii diinoonni seenaas ta’ee ergamtoonni Itiyoophiyaa fi ummata isheerratti hawwan hin milkaa’u jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan.Ajajni Duultota Addaa leenjitoota koomaandoo bu’uuraa  marsaa 43ffaa Giddugala Leenjii Bilaateetti leenjisaa ture eebbisiiseera.Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan ergaa saganticharratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan gahumsaanis ta’e hidhannoon raayyaa amansiisaa ijaaruu cimsitee itti fufti jedhan.Birmadummaafi tokkummaan Itiyoophiyaa gootota ijoollee isheen eegamee har’a gahuu yaadachiisaniiru.Raayyichi haala walitti fufiinsa qabuun qophaa’ummaa isaa jabeessaafi gahumsa isaa cimsaa jiraachuus kaasaniiru.Wareegama raayyichaan imalli badhaadhina Itiyoophiyaa cimee itti fufeeras jedhan.Eebbifamtoonni ergama biyyaalessaa itti kenname naamuusa olaanaan akka bahatan hubachiisaniiru.Hayilamaariyaam Taganyiin.