Dhugaatiin alkoolii Aadaa haala fi qulqullina akkaamiin akka oomishamu to’annoo fi hordoffii cimaatu barbaachisa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan dhibeewwan daddarboo hin taane sababa dhugaatii Alkooliin dhufan yaaluuf waggaan Doolaara biiliyoona 1.1 ol baafti jedhan ogeeyyiin yaala fayyaa.Dhugaatiin alkoolii Aadaa haala fi qulqullina akkaamiin akka oomishamu to’annoo fi hordoffii cimaatu barbaachisa, keessattuu kanneen daldalaaf oolan.Bifaa fi dhama, humna isaa dabaluu fi yeroo dheeraaf akka turuuf jecha keemikaaloonni Alkoolii Aadaa keessattuu Araqeetti dabalamaan rakkoo fayyaa hamaa qaqqabsiisaa akka jiru Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Ogeessi Ittisaa fi To’annoo Dhibee Daddarboo Hintaanee obbo Asaffaa Giree Saatessaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.Qaama namaa keessaa Turuu, Sammuu, Garaachii fi Ujummoon Mar’imaanii, Kalee, Onnee fi qaamoleen Hargansuu kanneen addarummaan dhugaatii alkooliin miidhaman ta’uu eeran.Gosonni dhibee Tiruu hedduun sababa dhugaatii Alkooliin kan dhufan akka ta’e kaasan obbo Asaffaan.Kaleen sirnaan hojii calaluu akka hin raawwanne taasisuun miidhaa hanga lubbuu namaa dabarsuu qaqqabsiisuu danda’a jedhan.Dhugaatiin alkoolii aadaa gatiin isaa kaan caalaa salphaa ta’uun ammoo namoonni heddumminaan akka dhuganiif sababa ta’aa jira jedhan.Hammi alkoolii isaa akkaatuma ciiccoolee/midhaan irraa oomishamuun garaagarummaa qabaachuu himama.Fakeenyaaf qorannoo bara Faranjootaa 2022 gaggeeffameen hammii Alkoolii Araqee % 26.64 hanga % 50.17 ta’a jedhan.Namoonni oomisha dhugaatii alkoolii Aadaarratti bobba’anii fi dhugan hedduun isaanii dhibee akka Kaansarii, Dhiibbaa Dhiigaa fi qaama hargansuuf daran saaxilamoo ta’uu kaasan.Keemikaaloonni akka ‘Methyl Alcohol, Ethylene Glycol’ fi Salfarik Asiidii,akkasumas Soogiddi, Daaraan Mukaa fi kanneen biroon alkoolii aadaatti dabalamu rakkoo fayyaa hamaa hordofsiisaa akka jiru eeran.Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorannoo bara Faranjootaa 2023 ifoomseen Alkooliin kamiiyyuu qaama namaaf akka hin gorfamne jala muree kaa’eera jedhan.Namni fayyaa guutuu qabaachuuf dhugaatii Alkoolii sadarkaa kamiiyyuurraa bilisa ta’uu akka qabu himeera jedhan.Itiyoophiyaatti baasiin dhibeewwan kanneen yaaluuf bahan baasii waliigalaa yaala fayyaaf bahan keessaa sadarkaa 6ffaarratti akka argamu dubbatan obbo Asaffaan.Akka waliigalaatti bu’aan Alkoolii dhuguun argamu goonkuma akka hin jirre hawaasni hubachuu akka qabu hubachiisaniiru.Itiyoophiyaan Istaandardii dhugaatii alkoolii waan hin qabneef namni akka fedhii fi dandeettii isaan ol alkoolii dhuga jedhan Hospitaala Miniliik 2ffaatti Barsiisaan Koollejjii Saayinsii Fayyaa obbo Mangistuu Baqqalan.Dhugaatii Aadaa hammi alkoolii isaa qabatamaan hin beekamne kana hammaa ol dhuguun dhibeewwan fayyaa adda addaaf nama saaxila kan jedhan obbo Mangistuun,Dhibee kanneen yaaluun ammoo nama dhuunfaa hanga biyyattii gatii olaanaa kaffalchiisaa jira jechuun kaasan.Yaa ta’uutii kutaaleen hawaasaa hedduun jireenya isaanii hojii kanaan gaggeessaa akka jiran ammoo dagatamuu hin qabu jedhan.Dhugaatiin hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti qooda qabaatus dhuganii machaa’uun walitti bu’iinsa uumamuun maatiin diigame, ollaan diina walitti ta’e, wal reebuun dhiigni dhanga’ee fi qaamni namaa hir’atu daraan hedduu ta’uu mala jedhan.Faayidaas ta’ee miidhaan dhugaatii alkoolii aadaa qorannoo addaa kan barbaadu ta’uu hubachiisaniiru.Namni dhugu safuu fi duudhaa hawaasaa cabsa waan ta’eef hawaasa biratti kabaja hin qabu, rakkoo maatii fi hawaasummaaf sababa ta’a jedhan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaatti ogeessi dhimma hawaasummaa obbo Urgeessaa Tulluun.Baadiyyaa fi magaalatti namoonni rakkoo hawaas diingadeef saaxilamoo ta’an kanneen dhugaatii alkoolii aadaa keessattuu Araqee daangaa ol dhuganiidha jechuun kaasaniiru.Dhimmi kun waan akka salphaatti ilaamuu qabu hin turre, garuu dhimma ijoo akka biyyaatti dagatameedha jedhan obbo Urgeessan.Hawaasa dhugaatii Alkoolii irraa bilisa baasuuf mootummaan dabalatee qaamni hundi qooda irraa eegamu bahuu akka qabu ogeeyyiin kunneen yaada Faanaa Diijitaaliif kennaniin hubachiisaniiru.Siifan Magarsaatiin.#Oromia #Ethiopia