Finfinnee, Waxabajii 30, 2017(FMC) – Yaa’ii BRICS cinatti hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin mariwwan gamlamee hariiroo biyyootaa cimsan gaggeeffamaniiru jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.Turtii jilli Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu Yaa’ii BRICS 17ffaarratti taasise ilaalchisuun Dooktar Geediyoon ibsa laataniiru.Ibsa isaaniin, Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii BRICS cinatti hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin marii gamlamee taasisuu kaasaniiru.Marii isaaniin tumsaa fi hariiroo biyyoota kanneen waliin qaban cimsuu fi akkasumas ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota taarsimawaarratti qabdu hubachuun akka deeggaraniif waliigaluu carraan gaariin uumamuu ibsan.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Biraaziil Luulaa Daa Siilvaa waliin tumsa biyyoota lameenii guddisuuf mari’achuu ibsuun, keessattuu walta’iinsaa fi hariiroo damee diinagdee dhimmoota caalmaattii guddisuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru jedhan.Akkasumas Dooktar Abiy Ministira Muummee Chaayinaa Lii Kiiyaangi waliin marii taasisaniin, Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo cimaa qaban caalmaattii guddisuuf waliigaluu dubbataniiru.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.Raamaafoosaan wayita Dura Ta’aa Gamtaa Afrikaa turanitti Hidha Haaroomsaa Itiyoophiyaaf shoora olaanaa bahachuu kaasaniiru.Sadarkaa ijaarsi Hidha Haaroomsaa irra jiru, xumuramuu hidhichaa fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru jedhan.Walitti hidhamiinsi BRICS kallattiin xiyyeeffannoo sadii qabaachuu kan ibsan Dooktar Geediyoon Siyaasa, Nageenyaa, Diinagdee fi walitti hidhaamiinsa aadaa fi aadaa kan of keessatti hammate ta’uu hubachiisaniiru.Keessattuu damee diinagdeen walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin qabdu guddina fuulduraaf bu’uura ta’uu ibsaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.