Qabeenyi waliigalaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa birrii Tiriiliyoona 2.3 ga’e

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 3, 2017(FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa qabeenya waliigalaa isaa birrii Tiriiliyoona 2.3 irraan ga’adhe jedhe.Pirezidaantiin Baankichaa Abbee Saannoo yaa’ii waggaa Baankichaa 2017 eegalame irratti akka ibsanitti, Baankichi waggaa kana raawwii gaarii galmeessisuun seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf safartuuwwan hundaan qooda gabaa keessatti qabu guddifatwera.Kanaanis bara baajetaa xumurame kanatti maallaqa dabalataa taa’u birrii Biliyoona 500 fi Biliyoona 15 walittiqabuun maallaqa taa’u kan waliigalaa birrii Tiriiliyoona 1.69 irraan ga’uun qooda gabaa keessatti qabu % 49.6 irraan ga’ateera.Qabeenyi waliigalaa isaas birrii Tiriiliyoona 2.3 irra ga’uu fi kunis qooda gabaa % 50.1 qabachuu akka dandeessise Baankichi odeeffannoo Faanaa Dijiitaaliif ergeen ibseera.Daddabarsi maallaqaa Baankichaan raawwataman keessaas %92 kan ta’u filannoowwan kaffaltii dijiitaalaan akka raawwatamee fi kunis maallaqaan birrii Tiriiliyoona 13 ol akka ta’e eereera.