Birmadummaa Diinagdee fi Indaastirii babal’isuuf :-Bilisummaa diinagdee biyyattii mirkaneessuuf hojiilee heddu raawwataniiru.Guddina Indaastirii fi oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf hojiilee gummacha olaanaa hoggananiiru.Dhiyeessii Faayinaansii guddisuurratti kan xiyyeeffate agarsiisa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaa bananiiru.Paarkii Indaastirii Galaan Guraa eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.Akkasuma Warshaa oomisha Seeraamikaa Giraander magaalaa Mojootti argamu hojii jalqabsiisaniiru.Tajaajila yaala fayyaa caalmaatti ammayyeessuuf Hospitaala waliigalaa Laaftoo eebbisiisuun hojii jalqabsiisaniiru.Bu’uraalee misoomaa, tajaajila waaraa damee geejjibaa mirkaneessuuf Buufara Xiyyaaraa Gadaa Nageellee Booraan tajaajila eegalchiisaniiru.Kunis Itiyoophiyaatti Buufata Xiyyaaraa biyya keessaa 24ffaa kan ta’eedha.Ce’umsa qonnaa fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiilee qonnaa kilaasteraan naannolee garaagaraatti hojjetaman daawwachuun gamaaggamaniiru.Adeemsa ijaarsa warshaa xaa’oo Yuuriyaa Aliikoo Daangootee Godeetti hojjetamaa jiru, Oomisha kilaasteraa Godina Boorana Bahaa fi misooma jallisii qamadii Shawaa Kaabaa daawwataniiru.Birmadummaa Imaammataa fi Miidiyaa cimsuun walqabatee:- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bilisummaa Imaammata biyyaalessaa cimsuuf mareewwan biyyaalessaarratti hirmaataniiru.Waltajjii mata duree ‘Guddina Miidiyaa ijaarsa biyyaaf’ jedhuun qophaa’e hoggananiiru.Kanaanis hoggantootaa fi ogeeyyii dhaabbilee miidiyaa waliin marii bal’aa taasisaniiru.Kunuunsaa fi eegumsa Aadaa caalmaatti guddisuuf Giddugala Aadaa Booranaa Godina Booranaa Magaalaa Yaa’abal’ootti lafa hektaara 57.6 irratti marsaa lamaan Birrii miiliyoona 900 oliin baatiwwan 48 keessatti ijaarame eebbisuun tajaajila eegalchiisaniiru.Akkasuma Paarkii Eegumsa Bineensota Bosonaa fi Lubbu Qabeeyyii Booranaa eebbisaniiru.Gama biroon Dooktar Abiy Ahimad hojiilee hariiroo diippiloomaasii fi waloo cimsan heddu raawwataniiru.Pireezidaantii Faransaayi Imaanu’eel Maakroon waliin marii hariiroo waloo caalmaatti cimsa taasisaniiru.Yaa’ii Afrikaa ‘forward’ jedhamu Keeniyaa Magaalaa Naayiroobiitti qophaa’erratti hirmaataniiru.Hojii Raawwachiiftuu Olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiiyeev waliin dhimmoota diinagdeerratti marii bu’aa qabeessa taasisaniiru.Sirna Waadaa galuu Pireezidaantii Jibuutii Ismaa’eel Umar Geelleerratti hirmaataniiru.Ministira Muummee Neezarlaandi Roob Yeetan waliin bilbilaan marii gaggeessaniiru.Guyyaa hundeeffama Mootummoota Gamtoomanii waggaa 80ffaa sababeeffachuun Teembariiwwan adda addaa ifoomsaniiru.#Oromia #Ethiopia