Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) – Karoorri humnoonni badii nageenya uummataa gooluuf qopheessan tumsa uummataafi qindoomina qaamolee nageenyaan fashalaa’eera jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan.Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa waaressuun injifannoo aarsaa qaaliin argame sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irraan ga’uuf akka duudhaafi safuu Oromootti waamichata taasisaa tureen humnoonni hidhatanii Bosona turan hedduun galuun balbala qabsoo karaa nagaaf banametti fayyadamuu isaanii obbo Hayiluu Addunyaan ibsaniiru.Kanaanis Oromiyaatti qilleensi nagaan qilleensa’ee hojiilee misoomaa fuula duratti tarkaanfachiisuun kan danda’ame ta’uu himaniiru. Haata’u malee, humnoonni shororkeessaa Shanee balbala qabsoo karaa nagaa diduun bosonatti hafan hojii shororkeessummaa isaanii itti fufuun uummata nagaa irratti gocha gara jabinaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.Humnoonni badii kunneen filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa danquuf ergama fudhatanii hojjechaa kan turan ta’us, uummanni sodaachisaafi dhaadannoo shorkeessitootaan osoo hin daangeffamin ba’ee sagalee isaa kennuun filannichi milkaa’uu himaniiru. Humnootni shororkeessaa filannoo danquuf karoorri qopheessan dambalii uummataa uumameen kasaaraan irra ga’uu hordofee, uummata nagaa irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo ba’annaarratti bobba’anii jiraachuu Obbo Hayiluun ibsaniiru.Gochi badii torbanuma kana keessa Godina Arsii Aanaa Asakootti bifa gara jabina qabuun uummata nagaa irratti raawwatame humna shororkeessaa Shaneetiin ta’uu kan ibsan obbo Hayiluun badiin lubbuu namaa, qabeenya uummataafi mootummaarra ga’uus himaniiru.Humnoonni kasaaran kunneen gocha badii isaanii uummata nagaa irratti raawwachuun haaloo ba’uuf yaalanis karoorri isaanii guutummaatti akka hin milkofneef mootummaan humnoota nageenyaa bobbaasuun badiin dabalataa akka hin qaqqabne taasisuun karoora diinni walfixiinsa uummataa amantaa da’oo godhate uumuuf wixineesse fashaleessuun kan danda’ame ta’uus obbo Hayiluun ibsaniiru.Mootummaan humnoota nageenyaa karaa qindaa’aa ta’een bobbaasuun shororkeessitoota ajandaa siyaasaa harkatti kasaareen uummataarratti haaloo ba’uuf bobba’an adamsee tarkaanfii madaalawaa fudhataa jiraachuu kaasuun, yeroo ammaa kanas hojiin namoota qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaa’an deebisanii dhaabuufi qabeenya barbadaa’e bakkatti deebisuu hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.Mootummaan itti fufiinsaan hojii nageenya waaressuu kan hojjetu ta’uu himuun, Uummatnis caasaalee nageenyaa waliin ta’uun nageenya isaa akka mirkaneessu waamicha taasisaniiru.