Finfinnee, Caamsaa 27, 2018(FMC)- Bu’uuraaleen misoomaa damee fayyaan hojjetaman Itiyoophiyaa giddugala tuurizimii fayyaa gochuuf dandeettii olaanaa ta’aa dhufaniiru jedhan Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan.Yeroo dhiyoo asitti haalli jiruufi jireenyaa hawaasaa jijjiiramuun, sini nyaataa eegamuu dhabuun fi hanqinni sosochii qaamaa dhibeewwan daddarboo hin taane akka babal’ataniif sababa ta’uu eeraniiru.Dhibeewwan kanneen sadarkaalee garaagaraatti dursanii adda baasuun fi dandeettii wal’aananii fayyisuu gudisuun barbaachisaa waan ta’eef imaammanni haaraan wal’aananii fayyisuu xiyyeeffannoon hojiirra oolaa jira jedhan.Dhaabbileen fayyaa sadarkaa hundatti argaman galtee fayyaa fi humna nama leenji’ee akka guuttatan gochuun hojiileen fayyaa hawaasaa eegsisuuf dandeessisan hedduun hojjetamuus eeraniiru.Hospitaalonni gurguddoon sadarkaa idil-addunyaa kan eegan akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu kaasanii, hospitaalonni Kanaan dura tajaajiloota wal’aansaa biyya keessatti hin laatamne bal’inaan kennuu eegaluu ibsaniiru.Kunis lakkoofsa lammiilee tajaajila fayyaa fooyya’aa argachuuf gara biyyoota alaa deemanii hir’isuu kaasaniiru.Galma Itiyoophiyaa giddugala tuurizimii fayyaa gochuuf qabame milkeessuuf Finfinneefi magaalota naannoleetti mootummaafi damee dhuunfaan hospitaalonni gurguddoon ijaaramuun gara hojiitti galuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.Qorichootaafi meeshaalee yaala fayyaa dandeettii biyya keessaan oomishuun milkaa’ina damichaaf murteessaa ta’uu ibsuun, mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa akka jiru eeraniiru.Gama kanaanis bu’aawwan jajjabeessaan galmaa’aa jiraachuu kaasaniiru.#Oromia #Ethiopia