Finfinnee, Caamsaa 27, 2018(FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa wixineewwan labsii tajaajila qilleensaa Itiyoophiyaan biyyoota garaagaraa waliin mallatteessite qorachuun raggaasiseera.Manni Marichaa walga’ii idilee 23ffaa waggaa 5ffaa gaggeessaa jira.Walitti qabaa Itti aanaan Koree Dhaabbii Hariiroo Alaafi Dhimmoota Nageenyaa Dooktar Faatiih Mahaadii wayita kana, gabaasaafi yaadota murtoo wixineewwan labsii waliigalteewwan tajaajila qilleensaa mana marichaaf dhiyeessaniiru.Wixineewwan labsii kunneen tuurizimiifi invastimantii guddisuuf akkasumas iddoowwan gahumsaa geejjiba qilleensarraa babal’isuun guddina diinagdee biyyaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.Waliigalteewwan tajaajila qilleensaa keessaa waliigalteen Mootummaa Itiyoophiyaafi Seeraaliyoon gidduutti mallattaa’e tokko yoo ta’u, waliigaltichi daandiiwwan qilleensaa gara iddoowwan gahumsaa filatamanitti kallattiin qubachuufi tajaajila aviyeeshinii mijataa akka kennan kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.Manni marichaas wixinee labsii kana labsii lakkoofsa 1417/2018 gochuun sagalee guutuun raggaasiseera.Itti aansee wixineen labsii waliigaltee tajaajila qilleensaa mootummaa Itiyoophiyaafi Rippaabilika Angoolaa gidduutti mallattaa’e mana marichaaf kan dhiyaate yoo ta’u, waliigaltichi hariiroo biyyoota lameenii guddisuuf carraa kan uumu ta’uu Dooktar Faatiih Mahaadii ibsaniiru.Manni marichaas wixinee labsii kana labsii lakkoofsa 1418/2018 gochuun sagalee guutuun raggaasiseera.Waliigalteen tajaajila qilleensaa mootummaa Itiyoophiyaafi Riippaabilika Uummata Baangilaadish gidduutti mallattaa’es yaa’iinsa geejjiba qilleensaarraa ilaalcha keessa kan galche ta’uu Dooktar Faatiih Mahaadii eeraniiru.Manni marichaa wixinee labsi kana labsii lakkoofsa 1419/2018 gochuun sagalee guutuun raggaasiseera.Wixinee labsii manni marichaa raggaasise kan biraa waliigaltee mootummaa Itiyoophiyaafi Iswaatiinii gidduutti mallatteeffamedha.Waliigaltichi daangaa deddeebii balallii malee balallii taasisuu dabalatee meeshaaleen balalliif barbaachisan qaraxa gumruukaa malee seensisuu kan dabalatu waan ta’eef baasii balallii akka hir’isu ibsaniiru.Manni Marichaas wixinicha labsii lakkoofsa 1420/2018 gochuun sagalee guutuun raggaasiseera.Saaraa Siyyumtu gabaase.#Oromia #Ethiopia