Hirmaachisummaa filannoo mirkaneessuuf hojiileen hojjetaman kan jajjabeeffamaniidha – IGAD

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) –Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa hirmaachisummaa filannoo waliigalaa 7ffaa mirkaneessuuf hojiileen hojjetaman kan jajjabeeffamaniidha jedhe.Taajjabdoonni Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hojii taajjabdummaa hojjetaa turan ilaalchisee gabaasa marsaa jalqabaa dhiyeessaniiru.Taajjabdoonni IGAD adeemsa filannoon duraa hanga kenniinsa sagaleetti ture gamaaggamuu dursituun garee taajjabdootaa IGAD Ispeesuuweesaa Waandaraa Kaazuubeen eeraniiru.Adeemsichaan qajeeltoowwan filannoo idil addunyaa fi bu’aaleen teeknoolooojii haaraan hojiirra ooluu hubanneerra jedhan.Dhaabbileen Hawaasa Siiviilii 169 filannoo ilaalchisee hojii hubannoo uumurratti bobba’uun hojjetaa turuu fi filannichi sirna paartii heddumataa fi hirmaachisaa ta’uu mirkaneessineerra jedhan.Qaama miidhamtoota, maanguddoota, dubartootaai fi dargaggoota dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa dhiibbaa tokko malee sagalee isaanii kennuu taajjabuu ibsan.Buufataalee filannootti hiriirri daraan dhedheeroo ta’an turuu kaasuun, obsaa fi naamuusa ummatni Itiyoophiyaa agarsiisaan dinqisiifataniiru.Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanoonni murannoo ijaarsa sirna diimookiraasiif qaban sirnaan waan agarsiisaniif baga gammaddan jedhan.Afawarki Iyyaayyuutiin.#Oromia #Ethiopia