Kantibaa Adaanech Abeebeen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Noorweey waliin mari’atan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Noorweey Nistiiyaan Kiristansan waliin mari’ataniiru.Waltajjii ‘Nordic-Africa EV summit’ baatii Fulbaanaa dhufu Finfinneetti gaggeeffamu ilaalchisee dhimmoota waloon hojjetamuu qabanirratti marii bu’aa qabeessa taasisaniiru.Finfinneen waltajjiiwwan idil addunyaa keessummeessuun muxannoo olaanaa horachuun ishee filatamtuu ta’aa dhufuu Kantibaa Adaanech Abeebeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.Walga’ii kanas qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun ni milkeessina jedhan.#Oromia #Ethiopia