Finfinnee, Caamsaa 27, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Gaanfa Afriikaa (IGAD) jeequmsi Somaaliyaa keessatti uumame marii hunda-galeessaa fi nagaatiin akka furamu waamicha dhiyeesseera.Magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti, naannoo masaraa mootummaatti dhukaasni jabaan dhagahamuu hordofee, humnoonni ittisaa Somaaliyaa deebii kennuun isaanii eerameera.IGAD dhimma kana ilaalchisee ibsa har’a baaseen, gocha goolii fi fincila uumame hunda cimsee balaaleffateera.Somaaliyaa keessatti yeroo itti dhiphinni siyaasaa hammaatee jirutti, jeequmsi Moqaadishoo keessatti uumame yaaddessaa ta’uu cimsee hubachiiseera .Gareewwan hundi dhiphina jiru akka tasgabbeessan, akkasumas garaagarummaa isaanii karaa nagaa, hunda-hammatee fi ijaaraa ta’een akka furaniif waamicha dhiyeesseera.Yeroo murteessaa kana keessatti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuun, akkasumas tokkummaa biyyaalessaa cimsuun, carraaqqii ijaarsa mootummaa Somaaliyaatiif faayidaa guddaa akka qabu hubachiiseera.Akkasumas, dhimmamtoonni hundi faayidaa uummata Somaaliyaaf dursa kennuudhaan, karaa furmaata nagaa barbaaduu akka hordofan IGAD akeekkachiiseera.Somaaliyaan miseensa hundeessitoota IGAD ta’uu, giddugala nagaa, tasgabbii fi misooma naannichaa taatee turuu ishee ibsichaan yaadachiiseera.IGAD tokkummaa biyyaalessaa fi tasgabbii waaraa fiduuf carraaqqii taasifamu keessatti, Somaaliyaa waliin ta’uudhaan deeggarsa kennuuf qophii ta’uu mirkaneesseera.#Oromia #Ethiopia