Kantiibaan duraanii magaalaa Finfinnee Ambaasaaddar Alii Abdoo addunyaa kanarraa du’aan boqotan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 28, 2018 (FMC) – Kantiibaan duraanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Ambaasaaddar Alii Abdoo addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, du’aan boqochuu kantiibaa duraanii magaalaa Finfinnee Ambaasaaddar Alii Abdoon gaddi guddaan natti dhagahameera jedhan.Maatii, firoottaniifi uummata maraaf jajjabinan hawwaniiru.Ambaasaaddar Alii Ambdoo Kantiibaa magaalaa Finfinnee 27ffaa ta’uun akkasumas Sudaan fi Naayijeeriyaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun biyya isaanii tajaajilaniiru.#Oromia #Ethiopia