Gareen Kubba Miilaa Biyyalessaa Itiyoophiyaa Umrii waggaa 17 gadii tapha walakkaa xumuraaf darbe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2019 (FMC) – Tapha gulaallii Waancaa Afrikaa Zoonii Seekaafaa ramaddii 2ffaan Gareen Kubba Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Umrii waggaa 17 gadii har’a gita isaa Ugaandaa waliin qixa baheera.Tapha har’a Ruwaandaa Istaadiyeemii Peelee Kiigaalitti taphatameen Jeeddaloonni Diimtuun gita isaanii Ugaandaa waliin galchii 1 qixa xumuraniiru.Tapha marsaa jalqabaan gita isaa Burundii galchiii 3 fi 0’n injifachuu hordofee qabxii 4 walitti qabachuun Ugaandaan galchiin caalamee sadarkaa 2ffaan tapha walakkaa xumuraaf darbuu mirkaneeffateera.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa