Finfinnee, Onkololeessa 4, 2019 (FMC) – Murni ABUT aangoo mootummaa erga dhabee booda siyaasaa diigumsaa fi shira hordofaa tureen biyyattii yaaddoo nageenyaa guddaaf saaxileera.Gareen seeraan alaa ABUT dheebuu aangoof qaburraa kan ka’e ummata naannichaa rakkoo hamaaf saaxileera.Garichi waraana erga labsee boodas, daa’immanii fi dargaggoota umriin isaanii loltummaaf hin geenye dirqamaan loltummaa keessa galchuun gochaa gara jabummaa raawwateera.Akkasuma hojii butuu fi doorsisaa raawwachaa tureen naannichatti sodaa fi rakkooleen hawaasummaa hamaa uumaa tureera.Mirga uummata Tigraay sarbaa, ukkaamsaa fi gocha namummaan ala ta’e raawwateera.Gareen seeraan alaa ABUT uummata Tigraayi akka meeshaa tapha siyaasaatti itti fayyadamaa ture.Waliigaltee Piriitooriyaa diiguun humnoota badii keessaa fi alaa waliin ta’uun gocha gantummaa Ajaja Kaabaa irratti raawwate irraa kan itti fufe, gantummaa lammaffaa Itiyoophiyaarratti raawwate.Gareen seeraan alaa ABUT , maqaa hamaa “Tsimdoo” jedhuun gantootaa fi diinota alaa biyya keessaa fi alatti argaman waliin ta’uun Itiyoophiyaa diiguu fi nageenya uummataa ishee booressuuf shirri xaxaa tureera.Mootummaan Federaalaa dhimmoota kana hunda obsaan irra darbuun garichi gara seeraatti akka deebi’u yaalii hedduu taasisera.ABUT seera maleessa qofa osoo hin taane ukkaamsaa, ajjeesaa, gara jabeessaa fi kan ummata Tigraay hin fayyadne garee duubbatti hafaadha jedhu jiraattoonni naannichaa.Garee abjuu dukkanaa, yaada ifaa arguu hin dandeenye, ergamaa diinaa akka yaade osoo hin taane akka hin taaneetti burkutaa’e jechuun jibba garichaaf qaban ibsaa jiru.Naannoon Tigraay waraana waggootaan dura naannichatti geggeeffameen miidhaa hawaasummaa fi dinagdee qaqqabe irraa osoo hin bayyaannatin irra deebiin waraana labse.Yeroo ammaa magaalota garaagaraa naannichaa keessatti nageenyi fi tasgabbiin deebi’ee, uummanni bilisaan socho’uu eegaleera.Cunqursaa garichaa xumuramuun ummata naannichaaf abdii haaraan ifuu eegaleera.Shirri badaan ABUT daa’imman irratti raawwatu, akkasumas gidiraa ummata Tigraay dabaluuf shirri xaxaa ture xumura argachaa jira.Ummanni Naannoo Tigraay garee shororkeessaa ABUT ifatti balaaleffachuuf hiriira bahuun Mootummaa Federaalaa cinaa ta’uu mul’isaniiru.Dirreewwan uummataatti ba’uun sirna cunqursaa fi ajjeechaa ABUT balaaleffachuun Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Mootummaa Federaalaaf deeggarsa guutuu akka qabu ibseera.Uummanni Tigraay fedhiin akkuma hawaasa kamiyyuu nagaan bahuu fi galuu, hojjetee jijjiirama fiduu, nageenya, misoomaa, akkasumas tajaajiloota bu’uuraa sirnaan argachuu ta’uu ejjennoo isaa ibseera.Jibba garichaaf qabus ifatti mul’iseera.Siifan Magarsaatiin#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa