Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019(FMC)- Itiyoophiyaan tapha waancaa Afrikaa bara faranjootaa 2029 gaggeeffamu qopheessuuf fedhiifi qophaa’ummaa qabdu jila Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa(CAF’f) ibiste.Ministirri Ministeera Dargaggoofi Ispoortii Dooktar Akliluu Taaddasaan jila garee CAF waliin mari’ataniiru.Dooktar Akliluu Taaddasaan wayita kana Itiyoophiyaan tapha waancaa Afrikaa keessummeessuuf hojiilee qophiin duraa hojjechaa jirtu akkasumas barbaachisummaa dorgommichaa irratti ibsa taasisaniiru.Jilichi gama isaan, simannaa taasifameefiif galateeffachuun, guyyoottan shanan itti aananitti qophii Itiyoophiyaan taasisaa jirtu akka daawwatan ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa