Uummanni Eertiraa dur hojii jaallatuufi keessummaa simachuun beekamu yeroo ammaa godaansi ibsituu isaa ta’eera- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2019(FMC)- Uummanni Eertiraa dur hojii jaallatuufi keessummaa simachuun beekamu yeroo ammaa godaansi ibsituu isaa ta’eera jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffiifi deebii Afaan Tigiriffaan kennaniin, Uummanni Eertiraa bilisummaan booda waan qabu hunda dhabuu kaasaniiru.Bilisummaan dura magaalonni Eertiraa midhagoo turan, har’a garuu mandara ta’aniiru.Eertiraan wayita qaama Itiyoophiyaa turte warshaalee 300 ol akka qabdu, wayita sana warreen Afrikaarra indaastiriin badhaadhan jedhamtee akka beekamtu, amma garuu Asmaraan magaalaa Aarbaa Minci yookaan Jigjigaan gadi akka taate ibsan.Mitsuwaan duwwaatti hafuu, Asab magaalaa namni keessa hin jirre ta’uu eeraniiru.Uummanni Eertiraa bilisummaan booda waan qabu hunda dhabuu kaasanii, uummanni biyyattii dur hojii jaallatuufi keessummaa simachuun beekamu yeroo ammaa godaansi ibsituu isaa ta’uu ibsaniiru.Kunis kan ta’e misoomaafi dhaabbilee ijaaruu dhiisee diinota Itiyoophiyaaf meeshaa waan ta’eef ta’uu ibsaniiru.Gochaan akka kanaa ollummaa kan miidhu ta’uu kaasanii, warreen jabaadhu jedhaniin rasaasa dhiyeessuurra darbanii rakkoo Eertiraa hiikuu hin danda’an amantaa jedhun qaba jedhaniiru.Ollummaa gaariifi michummaatu baasa; filmaatni Kanaan alaa hin fayyadu; misoomaan waltumsuun osoo danda’amuu meeshaa diinotaa ta’uuf filachuun hin baasu amantaa jedhun qaba; waamicha keenyatti gurra gatuun garuu miidhaan isaa baay’ee cimaadha jedhaniiru.Ayyaanaa Dheeressaan.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa