Finfinnee, Onkololeessa 4, 2019 (FMC) –Hammattummaa diijitaalaa babal’isuun hojiin Diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuu cimee itti fufa jedhan Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Fireehiwaat Taammiruun.Fireehiwaat Taammiruun kallattii hojiilee yeroo itti aanurratti hoggantoota dhaabbilee waamamoo waliin mari’ataniiru.Tarsiimoo Guddicha Haaraa Itiyoophiyaa keessatti aangoo fi hojii damee kanaaf kenname bu’uura godhachuun, mul’ata gara fuulduraa galmaan ga’uuf kutannoon ni hojjetama jedhan Fireehiwaat Taammiruun.Dijitaalaayizeeshinii galma barbaadamee fi saffisa barbaadameen hojiirra oolchuun akka danda’amuuf, haala mijataa uumuun akka barbaachisu hubachiisan.Yeroo itti aanu, dandeettiiwwan jiran adda baasuun, ergamoota galmaan ga’uuf wal deeggaruu fi qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu ibsan.Ce’umsa dijitaalaa Itiyoophiyaa saffisiisuun jijjiirama guddaa akka fidnu amantaan qaba jedhan.Hirmaachisummaa dijitaalaa bal’isuun Diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojiiwwan jalqabaman caalmaatti cimsuu akka itti fufan mirkaneessan turtii Faanaa Diijitaal waliin taasisaniin.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa