Gareen seeraan alaa ABUT badaa jira; uummanni Tigraay garuu itti fufa- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2019(FMC)- Gareen seeraan alaa ABUT badaa jira; uummanni Tigraay garuu itti fufa jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffiifi deebii Afaan Tigiriffaan kennaniin, dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu garee seeraan alaa ABUT dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu uummata Tigraay waliin hidhata akka hin qabne ibsaniiru. Dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu Paartii siyaasaa tokko dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu uummataa waliin walitti hidhuun yookaan ammoo nageenya dhaabbata siyaasaa tokko nageenya uummataa waliin walitti hidhuun akka kiyyatti bu’uura kan hin qabne, ilaalcha dogoggoraadha jedhan. Dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu uummataa balaarra waan buusuuf ilaalcha dogoggoraarra darbees yaada hamaadha jedheen amana jechuun ibsaniiru. Gareen seeraan alaa ABUT badaa jira; uummanni Tigraay garuu itti fufa; hoggantoonniifi dhaabbileen siyaasaa ni dhufu, ni kufu, mootummoonni ni jijjjiiramu biyyiifi uummanni garuu itti fufu jedhaniiru. Gareen seeraan alaa ABUT umuriin isaa gabaabbachuu qofa osoo hin taane amala uummata Tigraay kan hin qabne, ilaalchi, imaammanni hordofu, kabaja uummata Tigraay kan hin madaalle ta’uu eeraniiru. Ayyaanaa Dheeressaan. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa