Tigraay Dhaalaafi qabeenya Dhaaba Tokkoo Hin Taatu — Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2019 (FMC) — Naannoon Tigraay dhaalaafi qabeenya dhuunfaa dhaaba tokkoo hin taatu jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad afaan Tigiriffaan gaaffii fi deebii kennaniin, ummanni Tigraay yaada barbaadu filachuu akka danda’uuf dirree bal’aa uumuufiin barbaachisaa ta’uu amantaa qabaachuu ibsaniiru.ABUT Tigraay akka dhaabbata dhuunfaatti to’atee turuu kan kaasan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, kanaafis ummata naannolee fi bakkeewwan adda addaatti qooduuf tooftaa adda addaatti fayyadamaa turuu yaadachiisaniiru.Kanaanis, kufaatii ABUT booda gochi akkasii irra deebi’amee raawwatamuu akka hin qabne amantaa cimaa qabaachuu ibsaniiru.Dabalataanis, tokkummaan ummataa akka mirkanaa’uuf Mootummaan Ida’amuu gama isaatiin naannolee hundaaf walqixa hojjechaa akka jiruufi Tigraayittis misoomni akka dhufu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hubachiisaniiru.