Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019(FMC) – Humni badii, murni cunqursaa ABUT ergamtoota farreen nageenyaa biyya keessaa fi seenaa keessatti diinota Itiyoophiyaa kanneen ta’an waliin qindoomuun imala guddinaa fi olka’iinsaa biyyattiin eegalte gufachiisuuf umurii isaa guutuu ifaajaa jira. Aangoon kan koo yoo hin ta’in biyyi maaliif jiraatti jechuun gocha badii kana raawwachuu isaaf gochawwan isaa hanga ammaatti jiranii fi dhuga ba’iinsa miseensota isaa duraanii irraa hubachuun ni danada’ama. Adeemsa raawwii gocha badiisaa isaa kana keessatti uummata Tigiraayiin carraa misoomaa fi guddina dhorkuun akka qabdii siyaasaatti itti fayyadamaa ture. Uummanni Tigiraay akka uummattoota obboloota isaa biroo carraa misoomuu, mirga dubbachuu fi sochii hawaasummaaf qabu sarbamee hacuuccaa jala jiraachuuf dirqameera. Gochi biyya diiguu isaa kun diddaa uummataa fi tarkaanfii Raayyaa Ittisa Biyyaan fashalaa’ee garichi erga unkutaa’ee asi amma amma naannichatti qilleeensi nagaa bubbisuu eegaleera. Uummanni fi dargaggoonni Tigraayi mirgaa fi bilisummaa isaanii argachuuf qabsoo addaan hin cinne gaggeessuun, bu’aa garichi dhiphina ummataa irraa argachaa ture hambisuun kufaatii siyaasaa fi naamusaa daangaa hin qabne keessa galcheera. Gareen seeraan alaa kun dambalii diddaa ummataan mo’amee, salphinaan sochii siyaasaa biyyattii keessaa yeroo baafamu, magaalota fi waltajjiiwwan uummataa Tigraay keessatti gammachuu fi boqonnaan mul’ate taatee seena qabeessa. Ummanni guddaan kun waggoota dheeraaf meeshaa daldalaa siyaasaa taphattoota siyaasaa finciltootaa, boba’aa waraanaa fi booji’amaa siyaasaa ta’ee jiraachuu irraa bilisa bahuu isaa qabatamaan beeksifachuu eegaleera. Ce’umsi seena-qabeessi kun boqonnaa haaraa ummanni Tigraay nagaa, misoomaa fi ijaarsa mootummaa Itiyoophiyaa guddoo keessatti abbaa fi utubaa dursaa ta’uu isaa irra deebi’ee ittiin mirkaneessee dha. Dammaqinni xiinsammuu dargaggoota Tigraay keessatti uumames, seenaa sobaa garee seeraan alaa ABUT hundeen buqqisee kan diige humna caasaa jijjiiramaa ta’eera. Dargaggoonni, “Amma booda fedhii dhuunfaa abbootii siyaasaa fi ajandaa badiisaa isaaniif boba’aa hin taanu” jechuun ejjennoo cimaa qabataniiru. Kanaanis waraana irraa gara barnootaafi hojiiwwan misoomaatti deebi’uuf murtoo isaanii mirkaneessaniiru. Gama biraatiin, gantummaan seenaa hafteewwan garee seeraan alaa ABUT raawwataniin dhugaan garee kanaa ifatti saaxilamee hawaasa idil-addunyaatti mul’ateera. Gocha badii garee seeraan alaa kana duuba kan jiru ifaa dha. Harka garee Shabiyyaa kaleessa dargaggoota Tigraay irratti miidhaa suukanneessaa raawwachuun, “diina keenya seenaan hin daganne” jedhamee moggaafamaa ture jala galuun uummataa fi biyya ofii isaanii irratti garagaluun isaanii ifatti mul’ateera. Kana malees, hojii badiisaa Ijipti abbummaa Itiyoophiyaan ulaa galaanaa fi qabeenyawwan bishaanii lamaan irratti qabdu raawwachiisuuf ajaja fudhatee tajaajilaa turuun, gareen kun humnoota biyya alaa biratti ergamaa ta’uu isaa ifatti mul’iseera. Haa ta’u malee, uummanni Tigraay cunqursaa garee badiisaa kanaa jalaa yeroo bilisa ba’u, obboloota isaa Itiyoophiyaanota biroo waliin misoomuu, guddachuu fi abbaa biyya isaa ta’uuf fedhii cimaa qabu mirkaneesseera. Uummanni Tigraay ulaa galaanaa dabalatee ejjennoon dhimmoota biyyaalessaa biroo irratti qabu, seenaa Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa kan qabu, jiraachuu biyyaatiif gatii guddaa kan kaffale, ammas utubaa eenyummaa Itiyoophiyaa ta’uu isaa kan mirkaneesse dha. Naannoon Tigraay akkuma kutaalee biyyattii biroo giddugala nagaa, misoomaa fi haaromsaa akka ta’uuf tarkaanfiiwwan Mootummaan Federaalaa fudhate, jechoota duwwaan osoo hin taane, imaammata irratti kan hundaa’anii fi hojiiwwan qabatamaan kan deeggaraman dha. Mootummaan harka nagaa diriirse qabatamaan hojiirra oolchuun namoota duraan hidhatanii turan dirree waraanaa keessaa baasee gara jireenya hawaasummaa nagaa fi oomishtummaatti deebisuuf tarkaanfii caasaa jijjiiruu fudhateera. Kanaafis naannoo Tigraay keessatti wiirtuuwwan simannaa fi haaromsa qopheesseera. Kunis maraammartoo walitti bu’iinsa yeroo dheeraa ture cabsuuf gahee olaanaa qaba. Haaluma wal fakkaatuun, magaalota naannichaatti lammiilee rakkoo keessatti kufaniif deeggarsa namoomaa ariifachiisaa kennuun, mootummaa fi lammiilee gidduutti gahee deeggarsaa fi itti gaafatamummaa namoomaa gochaan mirkaneesseera. Kana cinaattis, balaliin xiyyaaraa Finfinnee fi Maqalee gidduutti addaan citee ture irra deebi’ee jalqabamuun, sochii daldalaa fi dinagdee kakaasuu, walitti dhufeenya hawaasaa deebisanii ijaaruu fi tajaajiloota saffisiisuuf faayidaa tarsiimawaa fi dinagdee guddaa kan qabuu dha. Maqalee fi bakkeewwan Tigraay garaagaraatti wiirtuuwwam haaromsa banuun, deeggarsi namoomaa kallattiin namoota miidhamaniif qaqqabuun, akkasumas geejjibni qilleensaa irra deebi’ee jalqabamuun dhugaa guddaa tokko mirkaneessu. Innis nagaan ibsa siyaasaa qofaan osoo hin taane, hojiiwwan misoomaa qabatamaan kan ijaaramu ta’uu isaa ti. Uummanni Tigraay cunqursaa waggoota dheeraa fi meeshaa siyaasaa ta’uu jalaa ba’uun jaalala biyyaaf qabu agarsiisuun, murtoo guddaa caasaa shira humnoota badiisaa diigee dha. Uummanni Tigraay gahee seena-qabeessa biyya dhaabuufi guddisuuf qabu haaromsuun, obboloota isaa Itiyoophiyaanota biroo waliin harka wal qabatee gara misoomaa fi badhaadhina olaanaatti ce’uun, jireenya lammiilee baraaruu, birmadduummaa biyyaalessaafi abdii egeree waloo cimsuun daandii biyyaalessaa murteessaa fi filannoo biraa hin qabne ta’ee itti fufa.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa