Diinagdee Dijitaalaa xiyyeeffannoo addaa argate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2019 (FMC)- Mootummaan Ida’amuu, diinagdee dijitaalaa ijaaruuf damee dhuunfaa fi dhaabbilee michootaa waliin tattaaffiiwwan garaagaraa taasiseen bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera. Diinagdeen dijitaalaa sochiiwwan diinagdee teeknooloojii dijitaalaa, intarneetii, bilbila harkaa, kompiiwutara, sirna kaffaltii elektirooniksii fi odeeffannoo dijitaalaa fayyadamuun kanneen rawwatamaniidha. Diinagdee dijitaalaa keessatti namoonni meeshaalee fi tajaajiloota intarneetii irratti bituu fi gurguruu, maallaqa elektirooniksiin erguu fi fudhachuu, akkasumas tajaajiloota mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaa karaa dijitaalaatiin argachuu danda’u. Teeknooloojii sirnaan fayyadamuun oomishtummaa guddisuu, daldala babal’isuu, hojii uumuu, tajaajiloota ammayyeessuu fi dorgommii biyya tokkoo cimsuu danda’a. Teeknooloojii fayyadamuun sochiiwwan diinagdee guddisuu fi tajaajiloota ammayyeessuuf dameewwan garaagaraa keessatti hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru. Tajaajilli kaffaltii dijitaalaa babal’achaa, moobaayil baankiingi guddachaa fi tajaajilli kaffaltii toora interneetii bal’inaan hojiirra oolaa jira.  Akkasumas, tajaajiloonni diijitaalaa mootummaa intarneetiin akka argaman taasifamaniiru. Mootummaan Ida’amuu waggoottan darban keessatti guddina daldala elektirooniksii saffisiisuu, akkasumas dhaabbileen haaraa teeknooloojii irratti hundaa’an, keessumaa dameewwan qonnaa, fayyaa fi barnootaa keessatti akka hundeeffaman taasisuuf hojii bal’aa hojjeteera. Itiyoophiyaa keessatti diinagdee dijitaalaa ijaaruuf, diinagdee biyyattii teeknooloojiin ammayyeessuuf tarsiimoo biyyaalessaa bocuun hojiirra ooleera. Damee telekoomii dorgommiif banaa gochuu fi tajaajila intarneetii babal’isuun walqabatee hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru. Lammiilee eenyummaa dijitaalaan bulchuuf sirna diriirfameen, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman abbaa waraqaa eenyummeessa dijitaalaa ta’aniiru.  Kunis tajaajiloota faayinaansii, mootummaa fi tajaajiloota biroo salphisuuf gargaara.Dargaggoonni hojiiwwan teeknooloojii akka jalqaban gargaaruuf wiirtuuleen kalaqaa, sagantaaleen leenjii fi deeggarsi faayinaansii babal’ataniiru. Yunivarsiitiiwwan saayinsii fi teeknooloojii biyyattii keessatti argaman, Dijitaala Itoophiyaa dhugoomsuu fi teeknooloojii kana babal’isuuf gahee isaanii bahachuun mootummaa fi damee dhuunfaa deeggaruuf hojjechaa jiru. Jijjiiramoonni jajjabeessaan imaammata faayinaansii keessatti mul’atan, gabaan kaappitaalaa hundeeffamuu fi carraawwan invastimantii biyya alaa jajjabeessan cimuun, dargaggoonni dinagdee kalaqaan deeggaramu ijaaruu keessatti gahee isaanii akka cimsatan taasisa. Mootummaan damee dhuunfaa fi dhaabbilee misoomaa waliin qindeessuun, imala dijitaalaa biyyattii tarsiimoo dijitaalaa ardichaa waliin walqabsiisee saffisiisuuf gahee olaanaa qabaata. Itiyoophiyaanis saayinsii, teeknooloojii fi kalaqa irraa fayyadamuun tarsiimoo kana dhugoomsuuf tattaaffii taasisaa jirti.  Yeroo ammaa hojiiwwan diinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti dhugoomsuuf jalqabaman cimsuun, dargaggoonni faayidaa isaa irraa akka argatan mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Mootummaan Ida’amuu diinagdee dijitaalaa caalaatti guddisuuf gufuuwwan mudatan furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Isaan keessaa tajaajilli intarneetii fi saffisni isaa naannolee hunda keessatti walqixa ta’uu dhabuu, hanqinni dandeettii dijitaalaa, hanqinni bu’uuraalee misoomaa fi dhiyeessiin elektirikii gahaa ta’uu dhabuu ni mul’atu. Gufuuwwan kana furuun damee dijitaalaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera. Tarsiimoo guddina waliigalaa Itiyoophiyaa isa haaraa keessatti damee kanaaf aangoo fi itti gaafatamummaa kenname irraa ka’uun, mul’ata gara fuulduraa hojiitti hiikuuf kutannoon hojetamaa jira. Dijitaaleessuu galma barbaadameenii fi saffisa barbaadamuun hojiirra oolchuun akka danda’amuuf, naannawaa hojii damee dijitaalaa guutuu deeggaru uumuurratti xiyyeeffannoon kennameera. Akkasumas, dandeettiiwwan damee kana keessatti argaman adda baasuun, ergamoota galmaan ga’uuf wal-deeggaruu fi qindoominaan hojjechuu, hammattummaa dijitaalaa cimsuun, Dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojiiwwan jalqabaman caalmaatti cimsanii itti fufsiisuuf karoorfameera. Tsahaay Gulummaan. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa