IMF hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabu caalmaatti cimsuu qaba- Dooktar Iyyoob Takkaalliny

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019(FMC)- Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabu caalmaatti cimsuu qaba jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny. Dooktar Iyyoob Takkaalliny Daayrektara Olaantuu IMF Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa waliin Baankookitti mari’ataniiru. Dooktar Iyyoob Takkaalliny wayita kana fooyyessiin diinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite diinagdee biyyattii tasgabbeessuu fi carraalee invastimantii haaraa banaa akka jiru ibsaniiru. Biyyoonni Afrikaa guddinarra jiran diinagdee cimaa akka ijaaraniif tumsawwan faayinaansii idil-addunyaa fi fooyyessiiwwan gadi fageenya qaban taasisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Bulchitoonni Baankii biyyoota Afrikaa biroon gamasaaniin, fooyyessiiwwan caaseffamaa, kalaqaafi walitti hidhamiinsa naannawaan dandeettii diinagdee Afrikaa gara guddina waaraatti jijjiiruuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru. Dhaabbileen faayinaansii pirojektiiwwan misoomaa Afrikaa gurguddoo maallaqaan akka deeggaraniif waamicha dhiyeessuus ragaan Baankii Biyyaalessaarraa argame ni mul’isa. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa