Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019(FMC)- Ijipt gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaatti gufuu ta’uurra tumsuu qabdi jedhan Xiinxalaan Siyaasaa Ijipt Maagdii Kaaliil. Ijipt imaammata walitti bu’iinsaa keessaa bahuun Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuuf deeggaruu akka qabdu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya uummata bal’aa qabdu waan taateef waliigaltee karaa nagaa biyyoota ollaa waliin taasifamuun ulaa galaanaa argachuuf mirga guutuu akka qabdu eeraniiru. Hoggantoonni Ijipt Itiyoophiyaa mormuurra ulaa galaanaa akka argattuuf deeggaruu akka qaban kaasanii, adeemsi walitti bu’iinsaa gara tumsaatti jijjiiramuu qaba jedhan. Biyyoonni naannawaa Galaana Diimaa tasgabbii naannawaa irratti mari’achuufi waliigalteerra gahuuf waltajjii waloo qopheessuu qabu jechuusaanii ENA’n gabaaseera. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa