Finfinnee, Onkololeessa 3, 2019 (FMC) – Ijipti, Itiyoophiyaan karra Galaanaa akka hin arganne dhorkuuf bu’uura seeraa hin qabdu jedhan Ministeera Alaatti Itti Aanaan duraanii Ameerikaa Dhimmoota Afrikaa Tiiboor Naazyiin.Itiyoophiyaan maree biyyaalessaa milkaa’aa gaggeessuun araara biyyaalessaa uumuun tokkummaa keessoo yoo cimsachuu dandeesse, biyya guddoo fi murteessituu Afrikaa ta’uu irra deebiin milkaneessiti jedhan Tiiboor Naazyiin.Itiyoophiyaan Karra Galaanaa saffisaan argachuu akka qabduu fi ga’umsa daldalaa ishee babal’isuu qabdi jechuun ibsan.Gaaffiin Karra Galaanaa Itiyoophiyaa bu’uura hammattoo seeraa idil addunyaa kan qabuu waan ta’eef karaa nagaa, marii fi waliigalteen raawwatamuu akka qabu kaasan.Biyyi ummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol qabdu karra galaanaa argachuun daldala qofaaf osoo hin taane nageenyaa naannawaa fi walitti hidhamiinsa diinagdeef murteessaa ta’uu himan.Ijipti waldhabdee Itiyoophiyaa waliin qabdu fayyadamuun dhiibbaa uumuuf hojjetaa jiraachuu ibsan.Haa ta’uutii Itiyoophiyaan karra galaanaa akka hin arganne ittisuuf mirgas bu’uura seeraas hin qabdu jedhan.Itiyoophiyaan madda Bishaanii Abbayyaa % 86 taatee osoo jirtuu, Ijipti gumaacha tokko malee abbaa bishaanii of taasisuuf yaaluun ishee adeemsa sirrii hin taane ta’uu kaasan.Itiyoophiyaanonni rakkoo keessoo marii, karaa nagaa fi waliigaltee biyyaalessaan furachuu akka qaban hubachiisan.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa