Oomisha Bunaa kallattiin gabaa alaaf dhiheessuun fayyadamoo ta’aa jirra- Qonnaan bultoota godinichaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2019 (FMC) – Carraa nuuf uumametti fayyadamuun buna kallattiin gabaa alaaf dhiheessuun fayyadamoo ta’aa jirra jedhan Qonnaan Bultootni godina Kibba Lixa Oromiyaa.‎Qonnaan bultootni kunniin duraan oomisha isaanii daldaltoota naannootti gatii gadi bu’an gurguraa akka turan eeran.‎Haa ta’uutii amma, carraa uumameefitti fayyadamuun Ameerikaa, biyyoota Awurooppaafi Eesiyaatti oomisha bunaa guguruun fayyadamaa taaneerra jedhan.‎Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti, bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Dooktar Rashaad Kamaal, carraan uumame faddaaltoota gidduu baasuun qonnaan bultootniifi abbootiin qabeenyaa gatii dadhabbii isaanii sirrii akka argatan taasisa jedhan.‎Kana males, qulqulinni xiyyeeffannoo akka argatu gochuun biyyi faayidaa sirrii damicharraa akka argattu taasisuu keessatti iddoo guddaa qabaachuu kaasan.‎‎Godina Kibba Lixa Oromiyaatti qonnaan bultootniifi abbootiin qabeenyaa kumni 1fi 500 ol oomisha bunaa gabaa alaaf dhiheessaa jiru.Godinichatti bara kana buna toonii kuma 700 fi kuma 79 sassaabuuf hojjetamaa jira.Muktaar Xahaatiin‎#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa