Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa muudama garaagaraa kennaniiru. Haaluma Kanaan:- 1. Obbo Birhaanuu Zawdee- Ministir Deetaa Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa 2. Dooktar Taammiraat Bayyanaa- Ministir Deetaa Ministeera Galiiwwanii 3. Obbo Birhaanuu Fayyisaa- Gargaaraa Waamamaa Mootummaa 4. Aadde Qonjit Dabalaa- Gargaartuu Waamamaa Mootummaa 5. Dooktar Mahaammad Indiriis- Sadarkaa Ministir Deetaatti Gargaaraa Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii 6. Aadde Fadiilaa Abbaabiyyaa- Sadarkaa Ministir Deetaatti Qindeessituu Miidiyaa Diijitaalaa Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii 7. Obbo Tasfaayee Yiggazuu- Sadarkaa Ministir Deetaatti Gargaaraa Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa