Gootummaa Dhalootaa, Gaaffii Ulaa Galaanaa fi Jiraachuu Itiyoophiyaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 4, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan biyya goototaa ti; Gootummaan ammoo waan gatii qabuuf gatii kaffaluu dha. Abbootiin Itiyoophiyaa diina tokkummaan injifatanii, biyya bilisummaa fi birmadummaa qabdu dhiigaan mirkaneessanii dhalootaaf dabarsaniiru. Murtoowwan seenaa keessatti bu’uura sirrii hin qabne irraa kan ka’e Itiyoophiyaan waggoota dheeraaf biyya ulaa galaanaa hin qabne taatee turuuf dirqamteetti. Haa ta’u malee, dhugaan yeroo eeggatee mul’achuun, haqnis mirkanaa’uun waan irra jiraatuuf gaaffiin ulaa galaanaa yeroo isaa eeggatee ka’eera. Biyya diina irraa eeguu fi kan weeraraaf dhufe injifatanii deebisuun mallattoo gootummaa abbootii keenya kaleessaa ture. Har’a ammoo Itiyoophiyaan dinagdee ishee fooyyessuu, lammiileen ishee wabii midhaan nyaataa akka qabaatan mirkaneessuu, dandeettii teeknooloojii ishee guddisuu fi nageenya ishee mirkaneessuu barbaaddi. Ulaan galaanaas bantuu kana hundaati. Ummata miliyoona 100 fi miliyoona 30 ol kan qabdu Itiyoophiyaan, gaaffii abbummaa ulaa galaanaa seenaa fi seerri idil-addunyaa deeggaru kaasuun dhimma siyaasaa qofa miti. Kana malees, baasii Itiyoophiyaan buufata doonii biyyoota biroo fayyadamuuf baastu barnootaaf, fayyaaf, bu’uuraalee misoomaa lammiileef barbaachisaniif, carraa hojii dargaggootaaf uumuu fi qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf ooluu danda’a. Kanaafuu, gaaffiin ulaa galaanaa gaaffii dinagdees ta’uu isaa agarsiisa. Itiyoophiyaan dandeettii dinagdee ishee guddisuuf pirojektoota gurguddoo garaagaraa hojjechaa, wabii midhaan nyaataa ishee mirkaneessuufis carraaqaa jirti. Itiyoophiyaanonni gootummaa jecha qofaan osoo hin taane, gochaan agarsiisuun amala isaaniiti. Dhaloonni gootummaa abbootii isaa dhaale immoo har’as aadaa kana itti fufsiisuuf tattaafachaa jira. Dhaloonni gaaffiin ulaa galaanaa gaaffii birmadummaa ta’uu isaa hubatee karaa yeroo ammaan walsimuun hafuura gootummaa abbootii isaa itti fufsiisuu qaba. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gootummaan fedhii dhuunfaa irra aarsaa biyyaaf kaffalamu ta’uu ibsaniiru. Biyya jaallachuun ofittummaa irraa bilisa ta’uu fi ofii olitti biyyaaf gatii kaffaluu gaafata. Biyyi sadarkaa isheef malu irra akka geessuuf hojjechuunis barbaachisaa dha. Biyya abbootiin kaleessa dhiigaa fi lafee isaanii itti caccabsanii tursiisan sirnaan dhaloota itti aanutti dabarsuu dhabuun qaanii dha. Kanaafuu, Itiyoophiyaan maqaan ishee hiyyummaan akka hin kaaneef dinagdeen ishee cimee, haqi ishees mirkanaa’ee, Itiyoophiyaa kabajamtuu fi ulfina-qabeettii dhaloota itti aanu dhaalchisuuf hojjechuun barbaachisaa dha. Mirga abbummaa ulaa galaanaa kabachiisuun mallattoo gootummaa birmadummaan dhalootaa ittiin mirkanaa’uu dha. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddittii #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa Beetaliheem Girmaatiin