Abdiin Maatii Hin Citu: Barbaachaan Eliyaas Waggoota Soddoma Booddees Itti Fufe Oromiyaa, Godina Wallaggaa Lixaa, Aanaa Boojjii Coqorsaa, Ganda Fiigaa Koobbaraa 01 keessatti dhalatee guddate Eliyaas Wadajoo Fidaa, maatiin isaa waggoota soddomaa ol erga adda ba’anii abdii isaanii hin kutanne. Eliyaas barnoota sadarkaa 1ffaa fi giddugaleessaa Mana Barumsaa Fiigaa Koobbaraatti barate; barnoota sadarkaa 2ffaa immoo […]