Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa darbuuf har’a Ruwaandaa waliin falmatti

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2019 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umurii waggaa 17 gadi, gulaallii xumuraa Waancaa Afrikaa Zoonii Seekaafaaf har’a gita isaa Ruwaandaa waliin ni taphata.Gareen tapha har’aa injifate Waancaa Afrikaa umrii waggaa 17 irratti hirmaachuu ni mirkaneeffata.Itiyoophiyaan tapha walakkaa xumuraa irratti Ugaandaan, Ruwaandaan ammou Somaaliyaan injifatamuun kan yaadaatamuudha.Taphni kun har’a waaree booda sa’aatii 7:00 jalqabee Ruwaandaa Istaadiyeemii Peele, Kiigaaliitti taphatama.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa