ABUT Humnoota Badiisaa Waliin Hiriiruun Waraana Hin Barbaachifne Labseera — Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 10, 2019 (FMC) — Gareennseeraan alaa ABUT humnoota badiisaa waliin hiriiruun waraana hin fayyadne labsuu isaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad turtii Afaan Tigireen taasisaniin, Waliigalteen Nageenyaa Piritooriyaa karaa barbaadameen hojiirra ooluu dadhabuun isaa gochoota ABUT seeraan alaa gama isaatiin waliigaltee cabsuun raawwateen ta’uu ibsaniiru.Qabiyyeewwan ijoo Waliigaltee Nageenyaa Piritooriyaa keessaa kanneen akka dhukaasa dhaabuu, tajaajiloota hunda deebisanii hojii jalqabsiisuu, meeshaalee waraanaa hiikkachiisuu fi hidhattoota gara jireenya idileetti deebisuu, buqqaatota gara qe’ee isaaniitti deebisuu, akkasumas sirna heera mootummaaf beekamtii kennuu ta’uu yaadachiisaniiru.Mootummaan Federaalaa gama isaatiin hojiiwwan raawwatamuu qaban hunda raawwachuu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, ABUT garuu waliigaltee sanaan faallaa ta’een meeshaalee waraanaa hiikkachiisuu mannaa meeshaalee waraanaa bitachuu fi kadhachuuttti bobba’uu ibsaniiru.Dabalataanis, gareen seeraan alaa kun meeshaalee waraanaa hiikkachiisuu fi hidhattoota gara jireenya idileetti deebisuu mannaa dargaggoota gurmeessuu fi humnaan qabee leenjii waraanaaf qopheessuu irratti bobba’uu, akkasumas buqqaatota akka meeshaa ittiin dhiibbaa geessisanitti fayyadamuun gara qe’ee isaanii akka hin deebine dhorkaa jiraachuu eeraniiru.Kana malees, gaee isaa kan hin ta’in bu’uuraalee misoomaa kanneen akka geejjiba qilleensaa, telekoomii fi baankii cufuu fi diiguun gochoota seeraan alaa raawwachuu ibsaniiru.Haala kana keessatti, nageenyi akka filatamu yaada kennuu irra deddeebiin waamicha nageenyaa dhiyeessuu isaanii kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, ABUT waamicha dhiyaateef gurra kennuu dhabuun waraana hin barbaachifne labsuu isaatiin waliigalteen Nageenyaa Piritooriyaa fashaleesseera jedhanBeeteliheem Girmaatiin#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa