Finfinnee, Adoolessa 26, 2018 (FMC) – Mariin biyyaalessaa nagaa waaraa fi waliigalteewwan waloo Itiyoophiyaaf carraa guddaa dha jedhan hirmaataan mariichaa Leetinaal Jeneraal Yohaannis Gabramasqal.Leetinaal Jeneraal Yohaannis Gabiramasqal Adoolessa 08, 2018 irraa qabee Finfinneetti geggeessamaa kan jiru yaa’ii Marii Biyyaalessaa gammachuu fi kabaja guddaadhan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.Uummata bakka bu’anii kan mari’achaa jiran hirmaattotni kumni 4 irratti amantaa guddaa akka qaban dubbataniiru.Hirmaattonni uummata bakka bu’anii mari’achaa jiran nageenyaa fi waliigaltee waloo biyyaattiif fakkeenya ta’anii ga’ee isaanii akka ba’an amantaa guddaa akka qaban dubbataniiru.Hirmaattotni yaada isaanii ifatti calaqqisiisaa akka jiran ibsuudhaan, adeemsa hirmaachisaa kana irraa barnoota fi muuxannoo guddaa argachuun akka danda’amu hubachiisaniiru.Waltajjichi kan mo’atamuu osoo hin taane, kan waliigaltee biyyaalessaa itti ijaarani ta’uu kaasuudhaan, adeemsichi Itiyoophiyaanota biyya keessaa fi ala jiraatan abdii guddaa kan irratti gatan ta’uu dubbataniiru.Maaddii furmaataa naga qabeessa kan ta’e yaa’ii Marii Biyyaalessaa kana irratti hirmaachuun mari’achuun adeemsa qaroomaa wayya’aa ta’uus dubbataniiru.Rakkon naannoo kamiyyuu dhimma waliinii Itiyoophiyaanota hundaa ta’uu hubachuudhaan, hafuura waliigalteewwan waloo fi tokkummaatiin furmaata waloo qopheessuun akka barbaachisu ibsaniiru.Adeemsi marii biyyaalessaa kun ijaarsa mootummaa biyyaa cimaaf shoora gaarii kan gumaachu carraa guddaa ta’uu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia