Duula dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoon hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni 200 dhaabame- TKM

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Duula dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoon hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni 200 dhaabameera jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas.Innaataalam Mallas ibsa kennaniin sagantaan dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo keenya erga eegalamee sa’aatiiwwan sadii lakkaa’amaniiru jedhan.Haaluma Kanaan namoonni miiliyoonni 5.9 ashaaraa isaanii kaa’uufi biqiltuuwwan miiliyoonni 200 dhaabbachuu ibsaniiru.Kunis lafti heektaarri kumni 68 biqiltuuwwan haaraan akka uwwifaman gochuu eeraniiru.#Oromia #Ethiopia