Odeeffannoowwan jijjiirraa taphattootaa Liigota Awurooppaa guyyaa har’aa

Wait 5 sec.

Kilabni Kaaba Landan Arsenaal jijjiirraa taphataa sarara gidduu Biruunoo Gumaareesh xumuruuf dhiyaachuu ‘The Athletic’ gabaaseera.Taphataan kun qorannoo fayyaa (medical) gaggeessuuf eeyyama Niwuukaasiil irraa eegaa jira jedhame.Haaluma walfakkaatuun Arsenaal Viinii Juniiyeer Riyaal Maadriidirraa fudhachuuf itti dhiyeenyaan hordofaa kan jiru yoo ta’uu, Maadriid mindaa taphatichaa guddisuuf murteessuu himame.Cheelsiin taphataa sarara bitaa Raayoo Vaayekaanoo, Peep Chaavaariyaa mallatteessisuuf fiixerra gaheera jedhame.Taphataan umrii waggaa 28 kun dhimma faayidaalee dhuunfaa isaan Cheelsii waliin waliigaluu kan ibsame yoo ta’uu, guyyoota itti aanaan qorannoo yaalaa taasisaan eegama.Maanchiister Siitiin Peedroo Neetoo Cheelsii irraa mallatteessisuuf bakka bu’aa taphatichaa waliin dubbachuu odeeffannoon baheera.Notiingahaam Foresti Tiijaanii Reeyindersi Maanchiister Siitiirraa fudhachuuf fedhii mul’iseera.Lammiin Neezarlaandi kun Niwuukaasiiliinis ni barbaadama.Abeel Nawaayiin#Oromia #Ethiopia