Itiyoophiyaatti waggaa waggaan lafa hektaara kuma 90 – 100 irraa bosonni ni cirama.Kunis hongee, balaa lolaa fi rakkoolee biroof sababa ta’aa tureera.Mootummaan Ida’amuu rakkoolee kanneen qolachuuf sagantaa ashaaraa magariisaa ummata hirmaachise erga eegalee bubbuleera.Akkuma injifannoo lola Adwaa fi ijaarsa Piroojektii Hidha Haaromsaa, sagantaan Ashaaraa Magariisaas sosochii Itiyoophiyaanoota tokkummeessedha.Bara Faranjootaa 1900 uwwisni bosonaa % 40 ture gara % 3 gadi bu’ee ture.Kunis iddoolee lafa olka’oorraa biyyoon tooniin biiliyoonni 2 akka dhiqamu sababa ta’eera.Heektaara tokkorraa biyyoon tooniin 130 dhiqamaa akka ture ragaaleen ni mul’isa.Kunis oomishaa fi oomishtummaan akka hir’atu, balaa lolaaf, buqqaatii lammiilee fi dhumaatii bineensotaaf sababa olaanaa ta’eera.Kana hubannoo keessa galchuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bara 2011 sagantaa ashaaraa magariisaa eegalchiisan.Bara sanaa eegalee sosochii biyyaalessaa ta’uun waggaa waggaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakkaawwaman ni dhaabatu.Waliigalaan waggootan torban darban keessa biqiltuuwwan biiliyoonni 48 ol dhaabataniiru.Kanneen keessaa % 60 qonnaa, % 35 biqiltuuwwan bosonaa fi % 5 ammoo biqiltuuwwan miidhagina magaalaaf oolanidha.Uwwisni bosonaa bara 2010 keessa % 17.2 ture bara 2016tti gara % 23.6 guddisuun danda’ameera.Waggoottan darban keessa giddugaleessan lammiileen miiliyoonni 25 dhaabbii biqiltuurratti hirmaataniiru.Hirmaannaan hawaasaa kunis Doolaara biiliyoona 48 gumaacha taasiseera.Hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 11.2 ol biqiltuuwwaniin uwwifameera.Bara 2018 ammoo mata duree ‘abdii haa dhaabnu’ jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 8.5 dhaabuuf duulli dhaabbii eegalameera.Waliigalaan boqonnaa 1ffaa fi 2ffaan hamma biqiltuuwwan dhaabbatanii biiliyoona 56 qaqqabsiisuuf galmi qabameera.Itiyoophiyaan har’a guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf barii eegalee dhaabaa jirti.Karoorichi milkaa’uuf fiixerra gaheera.Guyyaa har’aa lammiileen miiliyoonni 18.6 duulaan bahuun biqiltuu dhaabaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalem Mallaseen ibsaniiru.Har’a lafa hektaara kuma 200 fi kuma 9 fi 700 irra biqiltuun miiliyoonni 800 dhaabbata jira.Hanga sa’aatii 6:00tti biqiltuuwwan miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 78.6 dhaabbachuu ibsan.Hanga ammaatti % 72 raawwatamuu himan.Ashaaraan Magariisaa hojii eegumsa naannoo qofa osoo hin taane, hariiroo Itiyoophiyaanotaa cimsuun mallattoo tokkummaa ta’eera.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia