Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bu’aawwan hedduun guutamee raawwatamaa kan jiru innisheetiivii biyyaaleessaa guddaadha jedhan Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa.Sagantaa biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo irratti hooggantoonni olaanoon fi hojjettoonni Ministeera Qonnaa fi dhaabbilee itti waamamtootaa koriidarii Yuniivarsiitii Hubannoo Namtolchee Ida’amuu irraa hanga Bishooftuutti jiru irratti ashaaraa isaanii kaa’aniiru.Obbo Addisuu Aregaa saganticha irratti akka dubbatanitti, sagantaan kun guddina diinagdeetiif, wabii nyaataa fi carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa gumaachaa jira.Sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaai kanaan dura %17.2 irra ture gara %23.6tti ol guddisuus dubbataniiru.Sagantaa kanaan dhiqama biyyee lafa hektaara tokko irratti toonii 130 ture gara toonii 54tti gadi buusuun kan danda’ame ta’uu eeranii; maddoonni bishaanii goganii turan akka dandamataniif fi hangi bishaan isaanii akka dabaluuf shoora guddaa taphateera jedhaniiru.Sagantaan Ashaaraa Magariisaa seektara diinagdee irrattis jijjiirama gaarii galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru.Galii alergiii bunaa doolaara miiliyoona 700 irraa gara doolaara biiliyoona 3.1tti guddisuu fi oomishaaleen fuduraalee akka avokaadoo gabaa alaatiif dhiyaachuu eegaluu eeraniiru.Wagggoottan torban darban qofaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin lammiilee miiliyoona 2.5f carraan hojii uumamuu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia