Itiyoophiyaan Waltajjiiwwan Addunyaarratti Biyya Furmaata Qabeenya Qilleensaa Dhiyeessitu Ta’uun Beekamtii Argatteetti – Koree Teeknikaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan waltajjiiwwan addunyaarratti biyya furmaata qabeenya qilleensaa dhiheessitu ta’uun beekamtii argachuu ishee Qindeessaan KoreeTeeknikaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Dooktar Adafras Warquu dubbataniiru.Dooktar Adafras Warquu ibsa kennaniin akka jedhanitti, sagantichi sagantaa tarsiimawaa guddina dinagdee waaraa Itiyoophiyaa eegumsa qabeenya uumamaan, bayyaannachuu lafaa fi hirmaannaa hawaasaan mirkaneessuuf sadarkaa biyyaalessaatti eegalamee dha.Sagantichi koree federaalaa irraa kaasee hanga gandaatti hirmaannaa qindaawaa mootummaa fi hawaasaatiin hojiirra oolaa jiraachuu eeranii; lammileen hundi kallattiidhaan hirmaachuun eegumsa qabeenya uumamaa irratti ashaaraa isaanii akka kaa’an gargaaraa jira jechuun dubbatan.Kanaanis, sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo irratti hirmaannaa hawaasni mul’iseen biqiltuuwwan miliyoona dhibbootaan lakkaawaman dhaabbachuu dubbataniiru.Sagantaan dhaabbii biqiltuu eegalame kun agarsiistuu tokkummaa biyyaalessaa fi hirmaannaa misoomaa ta’uu ibsaniiru.Waggoottan afran darbanitti sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkootiin biqiltuuwwan biliyoona 2.2 ol lafa heektaara miliyoona 2 irratti dhaabbachuu ibsanii; biqiltuuwwan dhaabbatan keessaas dhibbeentaa 80 ol kan qabatan ta’uu dubbataniiru.Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin lafti manca’e akka dandamatu gochuu, burqituuwwan gogaan akka deebi’an gargaaruu fi qabeenya bosonaa guddisuudhaan jijjiirama qabatamaa fiduu agarsiisaniiru.Uwwisni bosona biyyattii dhibbeentaa 23.6 gahuu isaa yaadachiisanii; ciramni bosonaa waggaatti heektaara kuma 92 ture gara heektaara kuma 27tti gadi bu’uun milkaa’ina ijoo sagantaa kanaa ta’uu ibsaniiru.Eegumsa qabeenya uumamaa bira darbee sagantichi fayyidaa dinagdee kan argamsiise ta’uu fi waggoottan saddeettan darban keessatti carraan hojii magariisaa miliyoona 2.4 ol uumamuu, omishni muduraa babal’achuu fi omishtummaan qonnaan bultootaa dabaluun bu’aawwan qabatamoodha jechuun eeraniiru.Kallaattii eegumsa naannootiinis sirna ikooloojii uumamaa miidhaman irratti hojiileen deebisanii bayyanachiisuu bal’inaan hojjatamuu ibsanii; burqituuwwan bishaanii fi harawwan badanii turan gara haala isaanii kan duraatti deebi’aa jiraachuu ibsaniiru.Sagantaan Ashaaraa Magariisaa carraaqqii qilleensaa addunyaatiif fakkeenya qabatamaa ta’uu caqasanii; Itiyoophiyaan waltajjiiwwan addunyaarratti biyya furmaata qilleensaa dhiheessitu ta’uun beekamtii argachaa dhufuu ishee agarsiisaniiru.Dabalataanis, Itiyoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP-32) keessummeessuudhaan ashaaraa magariisaa dabalatee furmaata qilleensaa biyyattii addunyaaf muuxannoo ishee kan qooddu ta’uu ibsaniiru.Sagantaan Ashaaraa Magariisaa eegumsa uumamaa, guddina dinagdee, uumama carraa hojii fi guddina maqaa biyyattii addunyaatiif gumaacha inni qabu ittifufsiisuun biqiltuuwwan hafaniis dhaabuudhaan karoorri biyyaalessaa baranaa akka milkaa’uuf lammileen hundi kutannoo walfakkaatuun akka ittifufan waamicha dhiheessaniiru.Yoonaas Geetinnatiin