Ashaaraan magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jira- Dooktar Nagaash Wageeshoo

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Ashaaraan magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuurra darbee wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jira jedhan Pireezidaantiin naannoo Uummattoota Kibba Lixaa Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoo.Dooktar Nagaash Wageeshoo sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon Godina Shakkaa aanaa Beenchitti biqiltuu dhaabaniiru.Wayita kanas ashaaraan magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu, eegumsa biyyeefi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahachaa akka jiru eeraniiru.Naannichatti sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoonni 25 akka dhaabamu kaasanii, biqiltuuwwan kunneen dhaloota egereef faayidaa waaraa akka kennaniif haalaan kunuunfamuufi eegamuu akka qaban hubachiisaniiru.#Oromia #Ethiopia