Finfinnee, Adoolessa 27, 2018( FMC)- Milkaa’inni guyyaa har’aa xumura imala keenyaa akka hintaane ummanni keenya tolchee beeka jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, uummata naannichaafi qaamolee milkaa’ina sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa har’aa gaggeeffamerratti qooda isaanii bahatan galateeffataniiru.Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.𝐀𝐚𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐝𝐝𝐞 𝐠𝐚𝐥𝐭𝐞!𝐒𝐚𝐟𝐮𝐮𝐧 𝐜𝐚𝐛𝐝𝐞 𝐰𝐚𝐥𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧𝐚𝐦𝐭𝐞!𝐌𝐚𝐝𝐚𝐚𝐥𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐦𝐚𝐝𝐝𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐛𝐚𝐦𝐭𝐞 𝐦𝐮𝐝𝐨𝐨𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐡𝐚𝐟𝐭𝐞!𝐇𝐚𝐫𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨𝐧 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐮𝐦𝐚𝐦𝐚 𝐝𝐚𝐛𝐝𝐞𝐞 𝐭𝐮𝐫𝐭𝐞 𝐎𝐫𝐨𝐫𝐨𝐨𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐭𝐞!𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐟𝐢 𝐮𝐦𝐚𝐦𝐚 𝐡𝐚𝐟𝐞 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐚𝐫𝐚𝐚𝐫𝐫𝐢 𝐛𝐮’𝐞!Duulli Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkotti akka biyyatti biqiltuu mil. 800 dhaabuuf qabame milkaa’ina olaanaan raawwatameera. Milkaa’ina seenaa qabeessa guyyaa har’aa keessatti, ummanni naannoo keenyaa akkuma yeroo maraa obboroo bahee waarii irraa galuun hirmaannaa boonsaa taasiseera.Baga gammaddan! Baga gammanne jechuun barbaada.Hirmaannaan akka kanaa waamicha mootummaa qofaan kan dhufe miti. Bu’aa imala duudhaafi safuu keenya deebifnee dagaagsuu waggoota jijjiiramaa keessa adeemsifamaa tureeti malee. Kanas hirmaannaa duula guyyaa tokkoo qofa osoo hintaane, eegumsa umamaa irratti miira itti gaafatamummaa ummata keenya yeroodhaa gara yerootti dagaagaa dhufe ilaaluun mirkaneessuu dandeenya.Waggoottan jijjiiramaa darban injifannoowwan hedduu galmeessine keessaa Ashaaraan Magariisaa isa tokko.Ashaaraa Magariisaa ija biqiltuu dhaabuu qofaan kan ilaalamu osoo hintaane dinagdee magariisaa ijaaruu, madaallii naannoo iddootti deebisuu, akkasumas biyya badhaate dhalootaaf dhaalchisuu keessatti hojii murteessaadha. Har’a waliin taanee biqiltuu qofa osoo hintaane, abdii egeree, badhaadhinaafi tokkummaa dhaabneerra. Gandoota keenya keessatti bosona “Gaaddisa Dhalootaa” uumuun dhaloota dhufuuf qabbana, ofii keenyaaf ammoo siidaa seenaa keenyeerra.Milkaa’inni guyyaa har’aa xumura imala keenyaa akka hintaane ummanni keenya tolchee beeka. Biqiltuun bara kanaaf qophaa’e guutummaatti hanga dhaabbatutti hojiin keenya ittifufa. Akkasumas dhaabuun imala keenya keessaa walakkaa qofa ta’uu ummanni keenya nihubata. Akkuma duudhaan ummata keenyaa agarsiisu biqiltuun ilmoo waan ta’eef hojii murteessaan kunuunsafi eegumsa.Aadaan waggoota darban waan dhaabne hordofnee kunuunsuu irratti uumne cimee ittifufuu qaba. Kana cimsuufis ilmaan keenya duudhaafi safuu eegumsa madaallii umamaatiin guddisuun dirqama dhalootaa keenyaati.Kanaaf, caasaaleen mootummaa sadarkaa hundatti argamtan, qindoomina ummataa cimsuun hojii dhaabbii biqiltuu hanga xumuraatti akka ittifuftan, akkasumas sirna cimaa hordoffiifi kunuunsa biqiltuu naannoo keessanii akka diriirsitan cimseen hubachiisa.Milkaa’inni keenya lakkoofsa biqiltuu dhaabame qofaan osoo hintaane, baay’ina biqiltuu latee gaaddisa dhalootaa ta’e, akkasumas sadarkaa dhaloonni duudhaa kana deebisee itti aadeffateen kan madaalamu ta’uu yaadachiisuun barbaada.Dhumarrattis, ummata keenya kabajamaafi qooda fudhattoonni hundi hirmaannaa seenaa qabeessa guyyaa har’aa taasistaniif maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galataafi kabaja olaanaan isiniif dhiyeessa. Kutannoon har’a agarsiiftan kun hojii har’aa qofaan akka hindaangeffamne, eegumsa umamaa akka aadaa jireenyaatti cimsinee, Oromiyaa magariituu, lalistuufi badhaatuu dhaloota har’aafi egereef akka dhaalchifnu amantaa guutuun qaba.Galatoomaa!Horaa Bulaa! Deebanaa